Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
Explanation
Benefits
dubartoonni dhiirotaa woliin masjiidatti saffii kophaa ba'e irratti salaatuun eeyyamamaa ta'uu isaa, garuu hagooggatanii sattarataniiti.
dubartooonni yeroo masjiidatti wolitti qabaman, akkuma saffii dhiirotaa addatti saffii godhatu, adda adda ba'anii hin salaatanu, saffii qajeelchanii qaawa duuchuutu isaan irra jiraata, akkuma saffii dhiirotaatti.
shari'aan dubartoonni dhiirota irraa akka fagaatanuuf eeguu jabaa gochuu isaa ibsuutu keessa jira, bakka ibaadaan itti godhamu yoo ta'ellee.
namoonni akkaataa hojii isaaniitiin kan wol caalan ta'uu isaa.
Aalimni islaamaa Nawawiin akkas jedhe: saffiin dhiirotaa akkuma jirutti, yeroo hundaa irra caalaan isaan jalqaba isaati, yeroo hundaa irra hamaan isaa xumura isaati, saffiin dubartootaa immoo hadiisaan kan itti fedhame: saffii dubartoota worra dhiirotaa woliin salaatanuuti, yoo dhiiraan adda ba'anii kan salaatan ta'e immoo isaanis akka dhiirotaati; irra caalaan saffii isaanii jalqaba isaa ta'a akkasuma irra hamaan saffii isaanii xumura isaa ta'a.
Nawawiin itti dabaluun akkas jedhe: saffiin faarfamaan kan hadiisni sadarakaa isaa ibsuu fi itti kakaasuun dhufe inni saffii isa imaamatti aanudha; abbaan isaa dursee yoo dhufes booda hafee yoo dhufes, akkasumas wonti adda baasuu fi kan sana fakkaatan yoo seenes yoo seenuu dhabes tokkuma.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

