Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: "Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
Explanation
Benefits
Rakkataatti laaffisuutti kakaasuutu keessa jira.
Garbicha muslimaa gargaaruutti kakaasuutu keessa jira, Rabbiin ol ta'e akkaataa gabrichi obboleessa isaa gargaaruun isa gargaara.
Muslima dhoksuu irraa: hirdhina isaa hordofuu dhabuudha, garii salafaa irraa akkas jechuun odeeffamee jira: tuuta wohii kan hirdhina hin qabne, kan hirdhina namootaa dubbatanii jennaan, namoonnis hirdhina isaanii dubbatanun arge, akkasumas tuuta wohii kan hirdhina qabanu, garuu hirdhina namootaa dubbachuu irraa of qabaniii jennaan, kan hirdhinni isaanii irraanfatamen arge.
Namootaa dhoksuu jechuun ijaan argaa badii dhiisuu fi isa deemsisuu dhabuu jechuu miti, garuu badiis hin deemsisa ni dhoksaafis, kun kan ta'u nama badii fi jallina amaleeffachuun isaa hin beekamneefi, namni sanaan barame immoo isaaf dhooksuun hin jaallatamu, inumaa dhimmi isaa nama aangoo qabu biraan ga'ama, sababaa sanaan badiin biraa yoo kan soodaatamu hin taane; isaaf dhoksuun badii irratti hafuu irratti waan isa gowwoomsuu fi gabroottan rakkisuu irratti isaa fi worroota hamtuu fi fiincilaa biroo waan onnachiisuuf jecha.
Beekumsa barbaaduu, Qur'aana dubbisuu fi woliin isa barachuu irratti kakaasuutu keessa jira.
Imaam Annawawiin akkas jedha: kana keessa ragaa sadarkaa Qur'aana qara'uuf jecha masjiida keessatti wolitti qabamuun qabuutu jira...sadarkaa kana argachuu keessatti madrasaa, halaqaa ilmii fi kan kana fakkaatan biroo keessatti walitti qabamuunis akkuma masjiidaatti lakka'ama inshaa Allaah.
Rabbiin mindaa hojii irratti hundeesse malee firummaa irrattii miti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

