“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abbaa Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhagahe: “Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.
Explanation
Sana keessaa inni jalqabaa: kittaannaadha, innis gogaa dabalataa mataa qaama saalaa dhiiraa irratti argamu irraa kutuudha, akkasumas mataa gogaa qaama saalaa dubartii bakka qaamni saalaa dhiiraa seenuun olitti argamu irraa kutuudha.
Inni lammaffaa: Istihdaada, innis rifeensa naannoo qaaama saalaa haaddachuudha.
Sadaffaan: Rifeensa affarroo muruudha, innis waan hidhii dhiiraa tan gubbaa irratti biqile yoo ta'u, akka hidhiin mul’atutti muruudha.
Afraffaan: Qeensa gabaabsuudha.
Shanaffaan: Rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha.
Benefits
Wantoota kannnen too'achuun karaa ta'uu fi ishee irraa dagachuu dhabuudha.
Amaloonni kun faayidaa amantii fi duniyaa kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa: Akkaataa ofii miidhagsuu, qaama qulqulleessuu, qulqullummaaf of eeggannoo gochuu, kaafiroota fallessuu fi ajaja Rabbiif ajajamuu faadha.
Shanan kana malee amala dabalataan naamusa uumamaa kan akka: areeda guddisuu, siwaaka (rigaa ilkaanii) fayyadamuu fi kanneen biroo akka jiran hadiisa biroo keessatti ibsameera.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

