Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Ubayyi ibnu Ka'ab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata subhii nuun salaatanii ka'anii akkas jedhani: «Ebalu dhufeeraa?» sahaabonnis: lakki jedhani, ammas ergamaan ni jedhani: «Ebalu hoo dhufeeraa?» ammas sahaabonni lakki jedhani, eegasii isaan akkas jedhani: «Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture, saffiin jalqabaa akka saffii malaa'ikaati, osoo sadarkaa isaa beektanii itti ariifattu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra caalaadha, salaanni inni nama lamaa woliin salaatu salaata nama tokkoo woliin salaatu irra caalaadha, kan hedduummate isatu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha».
Explanation
yaa mu'umintoota osoo mindaa dabalataa salaata fajriitii fi ishaa'ii keessa jiru bartanii -mindaan haga dadhabbiitiini waan ta'eef- silaa osoo harkaa fi jilbaan daa'imtanii dhufuu ta'ellee silaa ni dhuftu ture.
saffiin jalqabaa imaamatti dhihaachuu keessatti akka saffiin malaa'ikaati Rabbii ol ta'etti dhihaachuu keessatti, mu'umintoonni osoo sadarkaa saffii jalqabaa beekanii silaa irratti wol dorgomu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra mindaa fi bu'aan guddaadha, akkasumas salaanni nama lamaa woliin salaatamu kan nama tokkoo woliin salaatamu irra caala, salaanni namni salaatu irratti heddummaatu isiitu Rabbiin biratti irra jaallatamtuu fi irra caaltuudha.
Benefits
salaata jamaa'aa itti fufiinsaan salaatuun, keessattuu salaata ishaa fi fajrii, mallattoo iimaanaa irraati.
mindaan salaata ishaa fi fajrii guddaa ta'uu isaa; masjiidatti dhaqanii isaan salaatuu keessa lubbuutti qabsaa'uu fi ibaadaa irratti obsuun waan keessa jiruuf jecha, kanaaf mindaan isaanii kanneen hafan irra guddaa ta'e.
salaanni jamaa'aa nama lamaa fi isaa oliin argama.
sadarkaa saffii jalqabaa ibsuu fi isatti ariifachuutti kakaasuutu keessa jira.
sadarkaa jamaa'aan heddummachuun qabu, akkuma jamaa'aan heddummateen mindaanis waan heddumaatuuf jecha.
hojiiwwan gaggariin akkaataa Rabbiin shari'aa keessatii wol caalchisee fi akkaataa haalota isaaniitiin sadarkaan isaaniis wol caala.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

