Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Sawbaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata isaanii irraa yeroo garagalanitti yeroo sadii araarama Rabbiin gaafatu ture, eegasi akkas jedhu: «Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam», Waliid ni jedhe: Awzaa'iidhaan, araarama gaafachuun akkamin jedheen? Awzaa'iinis ni jedhe: Astaghfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah jetta.
Explanation
Eegasii "Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zal Jalaali wal Ikraam" jechuun Rabbii isaanii guddisu, Rabbiin isa waan hunda irraa nagaa ta'ee fi sifaata isaatiinis guutuu ta'eedha, mudaa fi hirdhina hunda irraa qulqulluu kan ta'eedha, hamtuu duuniyaa fi Aakhiraa irraa nagaa bahuu waan biroo irraa osoo hin taane isuma qofa irraa barbaadda, inni toltuun isaa bakka lameenittuu dhugaan heddummaatee jira, abbaa guddinaatii fi tolaati.
Benefits
Hirdhina ibaadaa keessatti argamu guutuu fi ibaadaa ittiin suphuuf istighfaarri jaallatamaa ta'uu isaa.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

