النساء
An-Nisa
The Women
1 - An-Nisa (The Women) - 001
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ وَخَلَقَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَبَثَّ مِنۡهُمَا رِجَالٗا كَثِيرٗا وَنِسَآءٗۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِي تَسَآءَلُونَ بِهِۦ وَٱلۡأَرۡحَامَۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَيۡكُمۡ رَقِيبٗا
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha.
2 - An-Nisa (The Women) - 002
وَءَاتُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰٓ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَتَبَدَّلُواْ ٱلۡخَبِيثَ بِٱلطَّيِّبِۖ وَلَا تَأۡكُلُوٓاْ أَمۡوَٰلَهُمۡ إِلَىٰٓ أَمۡوَٰلِكُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ حُوبٗا كَبِيرٗا
Yatiimotaaf qabeenyaalee isaanii kennaa. Gaggaarii gadheedhaan hin jijjiiratinaa. Qabeenya isaanii gara qabeenya keessaniitti (makuun) hin nyaatinaa. Dhugumatti inni badii guddaa ta'eera.
3 - An-Nisa (The Women) - 003
وَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تُقۡسِطُواْ فِي ٱلۡيَتَٰمَىٰ فَٱنكِحُواْ مَا طَابَ لَكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ مَثۡنَىٰ وَثُلَٰثَ وَرُبَٰعَۖ فَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تَعۡدِلُواْ فَوَٰحِدَةً أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۚ ذَٰلِكَ أَدۡنَىٰٓ أَلَّا تَعُولُواْ
Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.
4 - An-Nisa (The Women) - 004
وَءَاتُواْ ٱلنِّسَآءَ صَدُقَٰتِهِنَّ نِحۡلَةٗۚ فَإِن طِبۡنَ لَكُمۡ عَن شَيۡءٖ مِّنۡهُ نَفۡسٗا فَكُلُوهُ هَنِيٓـٔٗا مَّرِيٓـٔٗا
Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafii. Yoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.
5 - An-Nisa (The Women) - 005
وَلَا تُؤۡتُواْ ٱلسُّفَهَآءَ أَمۡوَٰلَكُمُ ٱلَّتِي جَعَلَ ٱللَّهُ لَكُمۡ قِيَٰمٗا وَٱرۡزُقُوهُمۡ فِيهَا وَٱكۡسُوهُمۡ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا
Qabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas soorata isaaniif kennaa; isaan uffisaas, jechoota beekamaas isaaniin jedhaa.
6 - An-Nisa (The Women) - 006
وَٱبۡتَلُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰ حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغُواْ ٱلنِّكَاحَ فَإِنۡ ءَانَسۡتُم مِّنۡهُمۡ رُشۡدٗا فَٱدۡفَعُوٓاْ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَأۡكُلُوهَآ إِسۡرَافٗا وَبِدَارًا أَن يَكۡبَرُواْۚ وَمَن كَانَ غَنِيّٗا فَلۡيَسۡتَعۡفِفۡۖ وَمَن كَانَ فَقِيرٗا فَلۡيَأۡكُلۡ بِٱلۡمَعۡرُوفِۚ فَإِذَا دَفَعۡتُمۡ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡ فَأَشۡهِدُواْ عَلَيۡهِمۡۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ حَسِيبٗا
Yatiimota hanga isaan umrii gaa'ilaa ga’anitti qoradhaa. Yoo isaan irraa qajeeluma argitan, qabeenyaalee isaanii gara isaaniitti deebisaa. (Sodaa) guddachuu isaanii ariifatoo taatanii balleessuuf jecha ishee hin nyaatinaa. Namni dureessa ta’e, (irraa) of haa qabu. Namni hiyyeessa ta’e immoo beekamaadhaan haa nyaatu.Yeroo qabeenya isaanii gara isaaniitti deebiftan isaan irratti ragaa godhaa. qorataa tahuuf Rabbiinuu gahaadha.
7 - An-Nisa (The Women) - 007
لِّلرِّجَالِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ مِمَّا قَلَّ مِنۡهُ أَوۡ كَثُرَۚ نَصِيبٗا مَّفۡرُوضٗا
Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).
8 - An-Nisa (The Women) - 008
وَإِذَا حَضَرَ ٱلۡقِسۡمَةَ أُوْلُواْ ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينُ فَٱرۡزُقُوهُم مِّنۡهُ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا
Yeroo firoonni, yatiimonniifi hiyyeeyyiin (bakka) qoodaa dhufan isa irraa isaaniif kennaa; jecha gaariis isaaniin jedhaa.
9 - An-Nisa (The Women) - 009
وَلۡيَخۡشَ ٱلَّذِينَ لَوۡ تَرَكُواْ مِنۡ خَلۡفِهِمۡ ذُرِّيَّةٗ ضِعَٰفًا خَافُواْ عَلَيۡهِمۡ فَلۡيَتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡيَقُولُواْ قَوۡلٗا سَدِيدًا
Warri odoo duuba isaaniitti ilmaan dadhaboo dhiisaanii (du'anii) isaan irratti sodaatanu, (yatiima miidhuu) haa sodaatanu. Rabbiin sodaatanii jecha haqaa haa jedhanu.
10 - An-Nisa (The Women) - 010
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَأۡكُلُونَ أَمۡوَٰلَ ٱلۡيَتَٰمَىٰ ظُلۡمًا إِنَّمَا يَأۡكُلُونَ فِي بُطُونِهِمۡ نَارٗاۖ وَسَيَصۡلَوۡنَ سَعِيرٗا
Dhugumatti isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.
11 - An-Nisa (The Women) - 011
يُوصِيكُمُ ٱللَّهُ فِيٓ أَوۡلَٰدِكُمۡۖ لِلذَّكَرِ مِثۡلُ حَظِّ ٱلۡأُنثَيَيۡنِۚ فَإِن كُنَّ نِسَآءٗ فَوۡقَ ٱثۡنَتَيۡنِ فَلَهُنَّ ثُلُثَا مَا تَرَكَۖ وَإِن كَانَتۡ وَٰحِدَةٗ فَلَهَا ٱلنِّصۡفُۚ وَلِأَبَوَيۡهِ لِكُلِّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا ٱلسُّدُسُ مِمَّا تَرَكَ إِن كَانَ لَهُۥ وَلَدٞۚ فَإِن لَّمۡ يَكُن لَّهُۥ وَلَدٞ وَوَرِثَهُۥٓ أَبَوَاهُ فَلِأُمِّهِ ٱلثُّلُثُۚ فَإِن كَانَ لَهُۥٓ إِخۡوَةٞ فَلِأُمِّهِ ٱلسُّدُسُۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصِي بِهَآ أَوۡ دَيۡنٍۗ ءَابَآؤُكُمۡ وَأَبۡنَآؤُكُمۡ لَا تَدۡرُونَ أَيُّهُمۡ أَقۡرَبُ لَكُمۡ نَفۡعٗاۚ فَرِيضَةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا
Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo takka qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin dayniitiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan eenyuu isaaniitu bu'aa isiniif buusuutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.
12 - An-Nisa (The Women) - 012
۞وَلَكُمۡ نِصۡفُ مَا تَرَكَ أَزۡوَٰجُكُمۡ إِن لَّمۡ يَكُن لَّهُنَّ وَلَدٞۚ فَإِن كَانَ لَهُنَّ وَلَدٞ فَلَكُمُ ٱلرُّبُعُ مِمَّا تَرَكۡنَۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصِينَ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٖۚ وَلَهُنَّ ٱلرُّبُعُ مِمَّا تَرَكۡتُمۡ إِن لَّمۡ يَكُن لَّكُمۡ وَلَدٞۚ فَإِن كَانَ لَكُمۡ وَلَدٞ فَلَهُنَّ ٱلثُّمُنُ مِمَّا تَرَكۡتُمۚ مِّنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ تُوصُونَ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٖۗ وَإِن كَانَ رَجُلٞ يُورَثُ كَلَٰلَةً أَوِ ٱمۡرَأَةٞ وَلَهُۥٓ أَخٌ أَوۡ أُخۡتٞ فَلِكُلِّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا ٱلسُّدُسُۚ فَإِن كَانُوٓاْ أَكۡثَرَ مِن ذَٰلِكَ فَهُمۡ شُرَكَآءُ فِي ٱلثُّلُثِۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصَىٰ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٍ غَيۡرَ مُضَآرّٖۚ وَصِيَّةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَلِيمٞ
walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jira. Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin Yoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira (Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Yoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jira. Yoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira. (Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Haala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa keessatti hirmaattota. (Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyi. Dhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame) Rabbiin beekaa, obsaadha.
13 - An-Nisa (The Women) - 013
تِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدۡخِلۡهُ جَنَّـٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Isheen kun daangawwan Rabbiiti. Namni Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajame jannattoota jala ishee laggeen yaatu keessatti hafoo ta'anii isaan seensisa.Kun milkii guddaadha.
14 - An-Nisa (The Women) - 014
وَمَن يَعۡصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَتَعَدَّ حُدُودَهُۥ يُدۡخِلۡهُ نَارًا خَٰلِدٗا فِيهَا وَلَهُۥ عَذَابٞ مُّهِينٞ
Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.
15 - An-Nisa (The Women) - 015
وَٱلَّـٰتِي يَأۡتِينَ ٱلۡفَٰحِشَةَ مِن نِّسَآئِكُمۡ فَٱسۡتَشۡهِدُواْ عَلَيۡهِنَّ أَرۡبَعَةٗ مِّنكُمۡۖ فَإِن شَهِدُواْ فَأَمۡسِكُوهُنَّ فِي ٱلۡبُيُوتِ حَتَّىٰ يَتَوَفَّىٰهُنَّ ٱلۡمَوۡتُ أَوۡ يَجۡعَلَ ٱللَّهُ لَهُنَّ سَبِيلٗا
Dubartoota keessan irraas isaan hojii fokkataa (qunnamtii seeraan alaa) raawwatan, namoota afur kan isin irraa ta’an isaan irratti ragaa baasaa. Yoo isaan ragaa ba’an hanga duuti isaanitti dhufutti yookiin (hanga) Rabbiin karaa (biraa) isaanii godhutti manneen keessatti isaan qabaa.
16 - An-Nisa (The Women) - 016
وَٱلَّذَانِ يَأۡتِيَٰنِهَا مِنكُمۡ فَـَٔاذُوهُمَاۖ فَإِن تَابَا وَأَصۡلَحَا فَأَعۡرِضُواْ عَنۡهُمَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ تَوَّابٗا رَّحِيمًا
Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) sagaagalummaa hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaa. Yoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaa. Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.
17 - An-Nisa (The Women) - 017
إِنَّمَا ٱلتَّوۡبَةُ عَلَى ٱللَّهِ لِلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسُّوٓءَ بِجَهَٰلَةٖ ثُمَّ يَتُوبُونَ مِن قَرِيبٖ فَأُوْلَـٰٓئِكَ يَتُوبُ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا
Tawbaan qeebaltiin isii Rabbirratti taate warra wallaalumaan hamtuu hojjatanii ergasii dhihootti tawbataniifi, Warra san Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebala, Rabbiinis beekaa, ogeessa ta'eera.
18 - An-Nisa (The Women) - 018
وَلَيۡسَتِ ٱلتَّوۡبَةُ لِلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ حَتَّىٰٓ إِذَا حَضَرَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ إِنِّي تُبۡتُ ٱلۡـَٰٔنَ وَلَا ٱلَّذِينَ يَمُوتُونَ وَهُمۡ كُفَّارٌۚ أُوْلَـٰٓئِكَ أَعۡتَدۡنَا لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا
Tawbaan hintaane warra badiilee hojjatanii hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufutti "ani amma tawbadhe" jedhaniifi. isaannan kaafiroota ta’anii du’aniifis (qeebalamtuu hin taane). Warra san Nuti azaaba laalessaa isaaniif qopheessinee jirra.
19 - An-Nisa (The Women) - 019
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا يَحِلُّ لَكُمۡ أَن تَرِثُواْ ٱلنِّسَآءَ كَرۡهٗاۖ وَلَا تَعۡضُلُوهُنَّ لِتَذۡهَبُواْ بِبَعۡضِ مَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ إِلَّآ أَن يَأۡتِينَ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖۚ وَعَاشِرُوهُنَّ بِٱلۡمَعۡرُوفِۚ فَإِن كَرِهۡتُمُوهُنَّ فَعَسَىٰٓ أَن تَكۡرَهُواْ شَيۡـٔٗا وَيَجۡعَلَ ٱللَّهُ فِيهِ خَيۡرٗا كَثِيرٗا
Isin Yaa warra amantan! dubartii dirqamaan dhaaluun isiniif hin eeyyamamu.garii waan (mahrii) isaaniif kennitanii fudhachuuf (heeruma) isaan hin dhorginaa, Yoo balleessaa mul'ataa taheen dhufan (hojjatan) malee; Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama.
20 - An-Nisa (The Women) - 020
وَإِنۡ أَرَدتُّمُ ٱسۡتِبۡدَالَ زَوۡجٖ مَّكَانَ زَوۡجٖ وَءَاتَيۡتُمۡ إِحۡدَىٰهُنَّ قِنطَارٗا فَلَا تَأۡخُذُواْ مِنۡهُ شَيۡـًٔاۚ أَتَأۡخُذُونَهُۥ بُهۡتَٰنٗا وَإِثۡمٗا مُّبِينٗا
yoo niitii tokko bakka ishee biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun, isa irraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu?
21 - An-Nisa (The Women) - 021
وَكَيۡفَ تَأۡخُذُونَهُۥ وَقَدۡ أَفۡضَىٰ بَعۡضُكُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٖ وَأَخَذۡنَ مِنكُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا
Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? bifa gariin keessan gara garii ga'ee jiruun kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa fudhatanii jiranuun.
22 - An-Nisa (The Women) - 022
وَلَا تَنكِحُواْ مَا نَكَحَ ءَابَآؤُكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۚ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةٗ وَمَقۡتٗا وَسَآءَ سَبِيلًا
Dubartoota irraa isaan abbootiin keessan fuudhan hin fuudhinaa. waan dabre malee, Dhugumatti inni fokkataa, jibbamaafi karaan isaa hamaa ta'ee jira.
23 - An-Nisa (The Women) - 023
حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمۡ أُمَّهَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُمۡ وَعَمَّـٰتُكُمۡ وَخَٰلَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُ ٱلۡأَخِ وَبَنَاتُ ٱلۡأُخۡتِ وَأُمَّهَٰتُكُمُ ٱلَّـٰتِيٓ أَرۡضَعۡنَكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُم مِّنَ ٱلرَّضَٰعَةِ وَأُمَّهَٰتُ نِسَآئِكُمۡ وَرَبَـٰٓئِبُكُمُ ٱلَّـٰتِي فِي حُجُورِكُم مِّن نِّسَآئِكُمُ ٱلَّـٰتِي دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَإِن لَّمۡ تَكُونُواْ دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ وَحَلَـٰٓئِلُ أَبۡنَآئِكُمُ ٱلَّذِينَ مِنۡ أَصۡلَٰبِكُمۡ وَأَن تَجۡمَعُواْ بَيۡنَ ٱلۡأُخۡتَيۡنِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubarri keessans, obboleettiwwan keessans, adaadowwan keessans, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessans, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira.
24 - An-Nisa (The Women) - 024
۞وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۖ كِتَٰبَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡۚ وَأُحِلَّ لَكُم مَّا وَرَآءَ ذَٰلِكُمۡ أَن تَبۡتَغُواْ بِأَمۡوَٰلِكُم مُّحۡصِنِينَ غَيۡرَ مُسَٰفِحِينَۚ فَمَا ٱسۡتَمۡتَعۡتُم بِهِۦ مِنۡهُنَّ فَـَٔاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ فَرِيضَةٗۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ فِيمَا تَرَٰضَيۡتُم بِهِۦ مِنۢ بَعۡدِ ٱلۡفَرِيضَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا
Dubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.
25 - An-Nisa (The Women) - 025
وَمَن لَّمۡ يَسۡتَطِعۡ مِنكُمۡ طَوۡلًا أَن يَنكِحَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ فَمِن مَّا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُم مِّن فَتَيَٰتِكُمُ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۚ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِإِيمَٰنِكُمۚ بَعۡضُكُم مِّنۢ بَعۡضٖۚ فَٱنكِحُوهُنَّ بِإِذۡنِ أَهۡلِهِنَّ وَءَاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ بِٱلۡمَعۡرُوفِ مُحۡصَنَٰتٍ غَيۡرَ مُسَٰفِحَٰتٖ وَلَا مُتَّخِذَٰتِ أَخۡدَانٖۚ فَإِذَآ أُحۡصِنَّ فَإِنۡ أَتَيۡنَ بِفَٰحِشَةٖ فَعَلَيۡهِنَّ نِصۡفُ مَا عَلَى ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ مِنَ ٱلۡعَذَابِۚ ذَٰلِكَ لِمَنۡ خَشِيَ ٱلۡعَنَتَ مِنكُمۡۚ وَأَن تَصۡبِرُواْ خَيۡرٞ لَّكُمۡۗ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran keessan kan mu’uminaa kan harki keessan dhuunfatte (gabroottan) irraa (haa fuudhanu). Rabbiin iimaana keessan beekaadha. Gariin keessan garii irraayyi. Eeyyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaanii haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tikfamtoota ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa). Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jira. Kun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
26 - An-Nisa (The Women) - 026
يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيُبَيِّنَ لَكُمۡ وَيَهۡدِيَكُمۡ سُنَنَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ وَيَتُوبَ عَلَيۡكُمۡۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ
Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu barbaada, karaalee warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu (barbaada). Rabbiin beekaa, ogeessasi.
27 - An-Nisa (The Women) - 027
وَٱللَّهُ يُرِيدُ أَن يَتُوبَ عَلَيۡكُمۡ وَيُرِيدُ ٱلَّذِينَ يَتَّبِعُونَ ٱلشَّهَوَٰتِ أَن تَمِيلُواْ مَيۡلًا عَظِيمٗا
Rabbiin tawbaa keessan qeebaluu fedha. Warri fedha lubbuu isaanii hordofan immoo isin jallina guddaa jallachuu fedhu.
28 - An-Nisa (The Women) - 028
يُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُخَفِّفَ عَنكُمۡۚ وَخُلِقَ ٱلۡإِنسَٰنُ ضَعِيفٗا
Rabbiin isin irraa salphisuu fedha. Ilmi namaa dadhabaa ta’ee uumame.
29 - An-Nisa (The Women) - 029
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَأۡكُلُوٓاْ أَمۡوَٰلَكُم بَيۡنَكُم بِٱلۡبَٰطِلِ إِلَّآ أَن تَكُونَ تِجَٰرَةً عَن تَرَاضٖ مِّنكُمۡۚ وَلَا تَقۡتُلُوٓاْ أَنفُسَكُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِكُمۡ رَحِيمٗا
Yaa warra amantan! qabeenya keessan gidduu keessanitti kijibaan hin nyaatinaa, Yoo daldala jaalala keessan irraa taateen tahe malee, Lubbuulee keessan hin ajjeesinaa. Dhugumatti Rabbiin isin mararfataadha.
30 - An-Nisa (The Women) - 030
وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ عُدۡوَٰنٗا وَظُلۡمٗا فَسَوۡفَ نُصۡلِيهِ نَارٗاۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرًا
Namni daangaa dabruufi miidhaaf kana dalage, fuulduratti ibidda isa seensifna. Kun Rabbirratti salphaadha.
31 - An-Nisa (The Women) - 031
إِن تَجۡتَنِبُواْ كَبَآئِرَ مَا تُنۡهَوۡنَ عَنۡهُ نُكَفِّرۡ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَنُدۡخِلۡكُم مُّدۡخَلٗا كَرِيمٗا
Yoo badii gugurdoo irraa dhoowwamtantanirraa fagaattan, badiilee (xixiqqaa) keessan isin irraa haqna, seensa kabajaa isin seensifna.
32 - An-Nisa (The Women) - 032
وَلَا تَتَمَنَّوۡاْ مَا فَضَّلَ ٱللَّهُ بِهِۦ بَعۡضَكُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖۚ لِّلرِّجَالِ نَصِيبٞ مِّمَّا ٱكۡتَسَبُواْۖ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٞ مِّمَّا ٱكۡتَسَبۡنَۚ وَسۡـَٔلُواْ ٱللَّهَ مِن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٗا
Wantoota Rabbiin garii keessan garii irra ittiin caalchise hin hawwinaa. Dhiirotaaf qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Dubartootaafis qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Rabbiin tola Isaa irraa kadhaa. Dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha.
33 - An-Nisa (The Women) - 033
وَلِكُلّٖ جَعَلۡنَا مَوَٰلِيَ مِمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَۚ وَٱلَّذِينَ عَقَدَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡ فَـَٔاتُوهُمۡ نَصِيبَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدًا
Hunda isaaniitiif (dhiiraafi dubartiif) waan abbaa haatiniifi firoonni dhiisan irraa dhaala taasifnee jirra. Isaan kakuun keessan (firummaan) hiites qooda isaanii isaaniif kennaa. Dhugumatti Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
34 - An-Nisa (The Women) - 034
ٱلرِّجَالُ قَوَّـٰمُونَ عَلَى ٱلنِّسَآءِ بِمَا فَضَّلَ ٱللَّهُ بَعۡضَهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ وَبِمَآ أَنفَقُواْ مِنۡ أَمۡوَٰلِهِمۡۚ فَٱلصَّـٰلِحَٰتُ قَٰنِتَٰتٌ حَٰفِظَٰتٞ لِّلۡغَيۡبِ بِمَا حَفِظَ ٱللَّهُۚ وَٱلَّـٰتِي تَخَافُونَ نُشُوزَهُنَّ فَعِظُوهُنَّ وَٱهۡجُرُوهُنَّ فِي ٱلۡمَضَاجِعِ وَٱضۡرِبُوهُنَّۖ فَإِنۡ أَطَعۡنَكُمۡ فَلَا تَبۡغُواْ عَلَيۡهِنَّ سَبِيلًاۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيّٗا كَبِيرٗا
Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi, qabeenyaalee isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan tumaa. Yoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaadha.
35 - An-Nisa (The Women) - 035
وَإِنۡ خِفۡتُمۡ شِقَاقَ بَيۡنِهِمَا فَٱبۡعَثُواْ حَكَمٗا مِّنۡ أَهۡلِهِۦ وَحَكَمٗا مِّنۡ أَهۡلِهَآ إِن يُرِيدَآ إِصۡلَٰحٗا يُوَفِّقِ ٱللَّهُ بَيۡنَهُمَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا خَبِيرٗا
Yoo gidduu isaan lamaaniitti waldhabbii beektan araarsaa tokko warra isaa irraa, araarsaa tokko immoo warra ishee irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara fedhan, Rabbiin gidduu isaani waliigalcha. Dhugumatti Rabbiin beekaa, keessa beekaadha.
36 - An-Nisa (The Women) - 036
۞وَٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُشۡرِكُواْ بِهِۦ شَيۡـٔٗاۖ وَبِٱلۡوَٰلِدَيۡنِ إِحۡسَٰنٗا وَبِذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱلۡجَارِ ذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡجَارِ ٱلۡجُنُبِ وَٱلصَّاحِبِ بِٱلۡجَنۢبِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِ وَمَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ مُخۡتَالٗا فَخُورًا
Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaas. Abbaa haadhatti tola oolaa, firootaafs, yatiimotaafs, hiyyeeyyiifs, ollaa firooma qabuufs, ollaa firooma hin qabneefs, hiriyaa maddii keessan jiruufis, kara deemaafis, (gabroota) mirgi keessan dhuunfateefis (tola oolaa). Dhugumatti Rabbiin nama boonaa dhaaddataa ta’e hin jaalatu.
37 - An-Nisa (The Women) - 037
ٱلَّذِينَ يَبۡخَلُونَ وَيَأۡمُرُونَ ٱلنَّاسَ بِٱلۡبُخۡلِ وَيَكۡتُمُونَ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۗ وَأَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٗا مُّهِينٗا
Isaannan donnoomanii, namootas donnummatti ajajaniifi waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksan (hin jaalatu). Kaafirootaaf adabbii salphisaa qopheessinee jirra.
38 - An-Nisa (The Women) - 038
وَٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ أَمۡوَٰلَهُمۡ رِئَآءَ ٱلنَّاسِ وَلَا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَلَا بِٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۗ وَمَن يَكُنِ ٱلشَّيۡطَٰنُ لَهُۥ قَرِينٗا فَسَآءَ قَرِينٗا
Isaannan qabeenya isaanii akka namoonni isaan arganuuf arjooman, kan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis hin amanne, (isaan hiriyoota sheyxaanati). Namni sheyxaanni hiriyaa isaaf ta’e, hiriyummaan isaa waa fokkate!
39 - An-Nisa (The Women) - 039
وَمَاذَا عَلَيۡهِمۡ لَوۡ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَأَنفَقُواْ مِمَّا رَزَقَهُمُ ٱللَّهُۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِهِمۡ عَلِيمًا
Sila odoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananiifi waan Rabbiin isaaniif kenne irraa kennatanii maaltu isaan irra jira? Rabbiin isaan beekaadha.
40 - An-Nisa (The Women) - 040
إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَظۡلِمُ مِثۡقَالَ ذَرَّةٖۖ وَإِن تَكُ حَسَنَةٗ يُضَٰعِفۡهَا وَيُؤۡتِ مِن لَّدُنۡهُ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo hin miidhu, Yoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna.
41 - An-Nisa (The Women) - 041
فَكَيۡفَ إِذَا جِئۡنَا مِن كُلِّ أُمَّةِۭ بِشَهِيدٖ وَجِئۡنَا بِكَ عَلَىٰ هَـٰٓؤُلَآءِ شَهِيدٗا
Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?
42 - An-Nisa (The Women) - 042
يَوۡمَئِذٖ يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَعَصَوُاْ ٱلرَّسُولَ لَوۡ تُسَوَّىٰ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضُ وَلَا يَكۡتُمُونَ ٱللَّهَ حَدِيثٗا
Guyyaa san warri kafaraniifi ergamicha faallessan odoo dachiin isaan irratti wal qixxaattee jaalatu. Isaani haasawa Rabbiin hindhoksan.
43 - An-Nisa (The Women) - 043
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَقۡرَبُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنتُمۡ سُكَٰرَىٰ حَتَّىٰ تَعۡلَمُواْ مَا تَقُولُونَ وَلَا جُنُبًا إِلَّا عَابِرِي سَبِيلٍ حَتَّىٰ تَغۡتَسِلُواْۚ وَإِن كُنتُم مَّرۡضَىٰٓ أَوۡ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوۡ جَآءَ أَحَدٞ مِّنكُم مِّنَ ٱلۡغَآئِطِ أَوۡ لَٰمَسۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَلَمۡ تَجِدُواْ مَآءٗ فَتَيَمَّمُواْ صَعِيدٗا طَيِّبٗا فَٱمۡسَحُواْ بِوُجُوهِكُمۡ وَأَيۡدِيكُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوًّا غَفُورًا
Yaa warra amantan! salaatatti hin dhihaatinaa Haala machaahaa taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, yoo janaabawoo taatanis hanga dhiqattanutti, karaa dabraaf malee. yoo dhukkubsattootaa taatan, yookaa imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe. yookiin dubartootaan wal tuqxanii bishaan dhabdan biyyee qulqulluun tayammumadhaa; fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa’aa. Rabbiin irra dabraa araaramaa tahee jira. {1}
{1} kuni laaffisiinsa islaamaati garsiisa. namni tokko yoo bishaan dhabe yookaa dhukkubsatee bishaanitti fauuadamuu dadhabe biyyeen tayamuma godhatee salaata.
44 - An-Nisa (The Women) - 044
أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ نَصِيبٗا مِّنَ ٱلۡكِتَٰبِ يَشۡتَرُونَ ٱلضَّلَٰلَةَ وَيُرِيدُونَ أَن تَضِلُّواْ ٱلسَّبِيلَ
Sila gara warra kitaaba irraa qoodni isaaniif kennamee hin ilaallee? (Isaan) jallina bitu; isin karaa jallachuus ni barbaadu.
45 - An-Nisa (The Women) - 045
وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِأَعۡدَآئِكُمۡۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَلِيّٗا وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ نَصِيرٗا
Rabbiin diinota keessan beekaadha. Eegumsaaf Rabbiin qofti ga’aa dha! Tumsaafis Rabbiin qofti ga’aadha
46 - An-Nisa (The Women) - 046
مِّنَ ٱلَّذِينَ هَادُواْ يُحَرِّفُونَ ٱلۡكَلِمَ عَن مَّوَاضِعِهِۦ وَيَقُولُونَ سَمِعۡنَا وَعَصَيۡنَا وَٱسۡمَعۡ غَيۡرَ مُسۡمَعٖ وَرَٰعِنَا لَيَّۢا بِأَلۡسِنَتِهِمۡ وَطَعۡنٗا فِي ٱلدِّينِۚ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ قَالُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَا وَٱسۡمَعۡ وَٱنظُرۡنَا لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ وَأَقۡوَمَ وَلَٰكِن لَّعَنَهُمُ ٱللَّهُ بِكُفۡرِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُونَ إِلَّا قَلِيلٗا
Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jira. Ni jedhus: “dhageenye; faallessines. Dhagayamuun maletti dhaga'i." Arraboowwan isaanii micciiruufi amantii arrabsuuf jecha 'raa’inaa' jedhu. Odoo isaan “nuti dhageenye; toles jenne; atis dhagayi; nu mil’adhus (unzurnaa)” jedhanii, silaa santu isaaniif caalaafi sirrii ture. Garuu Rabbiin sababaa kufrii isaanitiin isaan abaare. Kanaaf isaan xiqqoo malee hin amananu.
47 - An-Nisa (The Women) - 047
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ ءَامِنُواْ بِمَا نَزَّلۡنَا مُصَدِّقٗا لِّمَا مَعَكُم مِّن قَبۡلِ أَن نَّطۡمِسَ وُجُوهٗا فَنَرُدَّهَا عَلَىٰٓ أَدۡبَارِهَآ أَوۡ نَلۡعَنَهُمۡ كَمَا لَعَنَّآ أَصۡحَٰبَ ٱلسَّبۡتِۚ وَكَانَ أَمۡرُ ٱللَّهِ مَفۡعُولًا
isin Yaa warra kitaaba kennamtan! waan nuti buufne kan isa isin biraa dhugoomsutti amanaa, odoo nuti fuulleen haqnee duuba isheerratti hin deebisin yookiin akka warra sanbataa abaarretti hin abaarin dura (amanaa). Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.
48 - An-Nisa (The Women) - 048
إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُۚ وَمَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدِ ٱفۡتَرَىٰٓ إِثۡمًا عَظِيمًا
Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa kijibaan uumeera.
49 - An-Nisa (The Women) - 049
أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يُزَكُّونَ أَنفُسَهُمۚ بَلِ ٱللَّهُ يُزَكِّي مَن يَشَآءُ وَلَا يُظۡلَمُونَ فَتِيلًا
Sila gara isaan lubbuulee isaanii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama fedhe (qofa) qulqulleessa. Hanga kirrii qola Timiraa hin miidhamanu.
50 - An-Nisa (The Women) - 050
ٱنظُرۡ كَيۡفَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَۖ وَكَفَىٰ بِهِۦٓ إِثۡمٗا مُّبِينًا
Akkamitti akka isaan Rabbirratti kijiba odeessan ilaali. Cubbuu ifa bahaa ta’uuf inninuu ga’aadha.
51 - An-Nisa (The Women) - 051
أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ نَصِيبٗا مِّنَ ٱلۡكِتَٰبِ يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡجِبۡتِ وَٱلطَّـٰغُوتِ وَيَقُولُونَ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ هَـٰٓؤُلَآءِ أَهۡدَىٰ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ سَبِيلًا
Sila gara warra kitaaba irraa qooda kennamanii hin ilaallee? Isaan sihriifi xaaghuutatti amanu. Isaan kafaraniin ni jedhu: “Warra kanatu isaan amanan (Muslimoota) caalaa karaa qajeelaadha."
52 - An-Nisa (The Women) - 052
أُوْلَـٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُۖ وَمَن يَلۡعَنِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ نَصِيرًا
Isaan Warra Rabbiin isaan abaare. Nama Rabbiin abaare gargaaraa isaaf hin argitu.
53 - An-Nisa (The Women) - 053
أَمۡ لَهُمۡ نَصِيبٞ مِّنَ ٱلۡمُلۡكِ فَإِذٗا لَّا يُؤۡتُونَ ٱلنَّاسَ نَقِيرًا
Sila mootummaa irraa qoodni isaaniif jira moo? Yoggus hanga tuqaa (ija (killee) timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.
54 - An-Nisa (The Women) - 054
أَمۡ يَحۡسُدُونَ ٱلنَّاسَ عَلَىٰ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۖ فَقَدۡ ءَاتَيۡنَآ ءَالَ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَءَاتَيۡنَٰهُم مُّلۡكًا عَظِيمٗا
Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyu? Dhugumatti Nuti maatii Ibraahiimiif kitaabaafi ogummaa kenninee jirra. Mootummaa guddaas isaaniif kenninee jirra.
55 - An-Nisa (The Women) - 055