الحجر

 

Al-Hijr

 

The Rocky Tract

1 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 001

الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ وَقُرۡءَانٖ مُّبِينٖ
Alif Laam Raa tun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti.

2 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 002

رُّبَمَا يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ كَانُواْ مُسۡلِمِينَ
Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!

3 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 003

ذَرۡهُمۡ يَأۡكُلُواْ وَيَتَمَتَّعُواْ وَيُلۡهِهِمُ ٱلۡأَمَلُۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Isaan dhiisi Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu, (Itti gala isaanii) fuula duratti ni beeku.

4 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 004

وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٞ مَّعۡلُومٞ
(Warra) gandaa tokkollee hin balleessine beellamni beekamaan isheef jiraatu malee .

5 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 005

مَّا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ
Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.

6 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 006

وَقَالُواْ يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِي نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ إِنَّكَ لَمَجۡنُونٞ
Nijedhan “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha”.

7 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 007

لَّوۡمَا تَأۡتِينَا بِٱلۡمَلَـٰٓئِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ
Maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate?” (jedhan).

8 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 008

مَا نُنَزِّلُ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَمَا كَانُوٓاْ إِذٗا مُّنظَرِينَ
Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnu, Yoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.

9 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 009

إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Nuti Zikrii (Qur'aana) Numatu buuse, Numatu isaaf tiksoodha.
q

10 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 010

وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي شِيَعِ ٱلۡأَوَّلِينَ
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.

11 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 011

وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Ergamaan tokkos isatti dhufee kan isatti qishinan ta’anii malee hintaane.

12 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 012

كَذَٰلِكَ نَسۡلُكُهُۥ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.

13 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 013

لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ وَقَدۡ خَلَتۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isatti hin amananu, Dhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa).

14 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 014

وَلَوۡ فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَظَلُّواْ فِيهِ يَعۡرُجُونَ
Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;

15 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 015

لَقَالُوٓاْ إِنَّمَا سُكِّرَتۡ أَبۡصَٰرُنَا بَلۡ نَحۡنُ قَوۡمٞ مَّسۡحُورُونَ
Silaa nijedhan “ijootuma keenyatu cufame, Inumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha”.

16 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 016

وَلَقَدۡ جَعَلۡنَا فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجٗا وَزَيَّنَّـٰهَا لِلنَّـٰظِرِينَ
Nuti dhugumatti samii keessatti urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.

17 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 017

وَحَفِظۡنَٰهَا مِن كُلِّ شَيۡطَٰنٖ رَّجِيمٍ
Sheyxaana darbatamaa hunda irraa ishee tiiksine.

18 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 018

إِلَّا مَنِ ٱسۡتَرَقَ ٱلسَّمۡعَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٞ مُّبِينٞ
Isa dhageettii hatee malee qaanqee mul'ataatu isa hordofe.

19 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 019

وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَيۡءٖ مَّوۡزُونٖ
Dachii Nuti ishee diriirsinee jirra, Gaarreen ishee keessati goonee jirra, Wanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.

20 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 020

وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَ وَمَن لَّسۡتُمۡ لَهُۥ بِرَٰزِقِينَ
Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.

21 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 021

وَإِن مِّن شَيۡءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَآئِنُهُۥ وَمَا نُنَزِّلُهُۥٓ إِلَّا بِقَدَرٖ مَّعۡلُومٖ
Wanti tokkos hin taane;Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male, Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.

22 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 022

وَأَرۡسَلۡنَا ٱلرِّيَٰحَ لَوَٰقِحَ فَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَسۡقَيۡنَٰكُمُوهُ وَمَآ أَنتُمۡ لَهُۥ بِخَٰزِنِينَ
Bubbeewwan ergine Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee, Samii irraa bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra, (Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.

23 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 023

وَإِنَّا لَنَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَنَحۡنُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Nuti dhugumatti (lubbuu) Numatu jiraachisee ajjeesa, Numatu dhaaltota.

24 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 024

وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَقۡدِمِينَ مِنكُمۡ وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَـٔۡخِرِينَ
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerra, Warren boodaas dhugumatti beeknee jirra.

25 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 025

وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحۡشُرُهُمۡۚ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٞ
Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha.

26 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 026

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne.

27 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 027

وَٱلۡجَآنَّ خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ مِن نَّارِ ٱلسَّمُومِ
Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.

28 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 028

وَإِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَـٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرٗا مِّن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.

29 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 029

فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, sujuuddota ta’aatii isaaf kufaa.

30 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 030

فَسَجَدَ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.

31 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 031

إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰٓ أَن يَكُونَ مَعَ ٱلسَّـٰجِدِينَ
Ibliis malee inni warra sujuuda bu’an wajji ta’uu dide.

32 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 032

قَالَ يَـٰٓإِبۡلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ ٱلسَّـٰجِدِينَ
(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an wajji ta’uu didde?” jedheen.

33 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 033

قَالَ لَمۡ أَكُن لِّأَسۡجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقۡتَهُۥ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
[Inni] nijedhe “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef kan sujuudu hintaane”.

34 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 034

قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٞ
(Rabbiinis)nijedheen “ishee irraa ba’i; Ati darbamaadha.

35 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 035

وَإِنَّ عَلَيۡكَ ٱللَّعۡنَةَ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirratti jiraata.”

36 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 036

قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.

37 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 037

قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.

38 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 038

إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”

39 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 039

قَالَ رَبِّ بِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen hunda isaanii isaan jallisa.

40 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 040

إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
isaan irraa Gabroota kee qulqulleeffamoota malee.

41 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 041

قَالَ هَٰذَا صِرَٰطٌ عَلَيَّ مُسۡتَقِيمٌ
(Rabbiin) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha.

42 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 042

إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٌ إِلَّا مَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ
Dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru. Jallattoota irraa warra si hordofan malee.

43 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 043

وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوۡعِدُهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) beellamamaa isaan hundaati.

44 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 044

لَهَا سَبۡعَةُ أَبۡوَٰبٖ لِّكُلِّ بَابٖ مِّنۡهُمۡ جُزۡءٞ مَّقۡسُومٌ
Isheedhaaf balbala torbatu jira. Tokko tokkoo balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.

45 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 045

إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّـٰتٖ وَعُيُونٍ
Warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.

46 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 046

ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ءَامِنِينَ
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).

47 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 047

وَنَزَعۡنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنۡ غِلٍّ إِخۡوَٰنًا عَلَىٰ سُرُرٖ مُّتَقَٰبِلِينَ
Jibbaa irraa waan qomoota isaanii keessa jiru baafne, Obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagaggalan ta’an.

48 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 048

لَا يَمَسُّهُمۡ فِيهَا نَصَبٞ وَمَا هُم مِّنۡهَا بِمُخۡرَجِينَ
Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan ishee irraa baafamoo hintaane.

49 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 049

۞نَبِّئۡ عِبَادِيٓ أَنِّيٓ أَنَا ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Gabroota kiyyatti odeessi Ani Anumatu araaramaa, rahmata godhaadhaa.

50 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 050

وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ ٱلۡعَذَابُ ٱلۡأَلِيمُ
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)

51 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 051

وَنَبِّئۡهُمۡ عَن ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi

52 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 052

إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗا قَالَ إِنَّا مِنكُمۡ وَجِلُونَ
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen.

53 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 053

قَالُواْ لَا تَوۡجَلۡ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
“Hin sodaatin, Nuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.

54 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 054

قَالَ أَبَشَّرۡتُمُونِي عَلَىٰٓ أَن مَّسَّنِيَ ٱلۡكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ
“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.

55 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 055

قَالُواْ بَشَّرۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡقَٰنِطِينَ
“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin.

56 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 056

قَالَ وَمَن يَقۡنَطُ مِن رَّحۡمَةِ رَبِّهِۦٓ إِلَّا ٱلضَّآلُّونَ
“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii murata?” jedhe.

57 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 057

قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.

58 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 058

قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.

59 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 059

إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمۡ أَجۡمَعِينَ
“Maatii Luux malee dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”

60 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 060

إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ قَدَّرۡنَآ إِنَّهَا لَمِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”

61 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 061

فَلَمَّا جَآءَ ءَالَ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Yeroma ergamtoonni maatii Luuxitti dhufanu.

62 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 062

قَالَ إِنَّكُمۡ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
“Isin ummata wallaalamoodha” jedhe.

63 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 063

قَالُواْ بَلۡ جِئۡنَٰكَ بِمَا كَانُواْ فِيهِ يَمۡتَرُونَ
“nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.

64 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 064

وَأَتَيۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ
“Dhugaadhaan sitti dhufne, Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.

65 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 065

فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٖ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَٱتَّبِعۡ أَدۡبَٰرَهُمۡ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٞ وَٱمۡضُواْ حَيۡثُ تُؤۡمَرُونَ
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duubaawwan isaanii hordofi, Isin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtanii deemaa.”

66 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 066

وَقَضَيۡنَآ إِلَيۡهِ ذَٰلِكَ ٱلۡأَمۡرَ أَنَّ دَابِرَ هَـٰٓؤُلَآءِ مَقۡطُوعٞ مُّصۡبِحِينَ
Ajaja sanas "xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii muramaadha” jechuun gara isaatti murteessine.

67 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 067

وَجَآءَ أَهۡلُ ٱلۡمَدِينَةِ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Jiraattonni magaalaa kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.

68 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 068

قَالَ إِنَّ هَـٰٓؤُلَآءِ ضَيۡفِي فَلَا تَفۡضَحُونِ
(Luuxis ni jedhe): “isaan kun keessumoota kiyyaa, nan xiqqeessinaa” jedhe.

69 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 069

وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ
“Rabbiin sodaadhaa; nan xiqqeessinaa.”

70 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 070

قَالُوٓاْ أَوَلَمۡ نَنۡهَكَ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
(Namoonni magaalattii) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.

71 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 071

قَالَ هَـٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِيٓ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ
(Luux) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”

72 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 072

لَعَمۡرُكَ إِنَّهُمۡ لَفِي سَكۡرَتِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.

73 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 073

فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُشۡرِقِينَ
Iyyattiin isaan qabatte aduu baasifatootahanii.

74 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 074

فَجَعَلۡنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن سِجِّيلٍ
Gubbaa ishee jala ishee taasifnee (gara galchine), dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine.

75 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 075

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُتَوَسِّمِينَ
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.

76 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 076

وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٖ مُّقِيمٍ
Isheen (magaalattiin) daandii (guddaa) qajeelaa irra jirti.

77 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 077

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.

78 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 078

وَإِن كَانَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ لَظَٰلِمِينَ
warri eeykaa (bosonaa) dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.{1}
{1} isaan ummata nabi shu'eybi itti ergameedha.

79 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 079

فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٖ مُّبِينٖ
Haaloo isaan irraa ba’anne. Dhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.

80 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 080

وَلَقَدۡ كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡحِجۡرِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.{2}
{2} warra laga hijrii jiraatu. isaan samuud jedhaman, nabi saalihtu itti ergame. nikijibsiisan.

81 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 081

وَءَاتَيۡنَٰهُمۡ ءَايَٰتِنَا فَكَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.

82 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 082

وَكَانُواْ يَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتًا ءَامِنِينَ
Of amanoo ta’anii gaarreen irraa manneen isaanii urataa turan.

83 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 083

فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُصۡبِحِينَ
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte

84 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 084

فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.

85 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 085

وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَإِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞۖ فَٱصۡفَحِ ٱلصَّفۡحَ ٱلۡجَمِيلَ
Samiileef dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumne. Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Irraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.

86 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 086

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلۡخَلَّـٰقُ ٱلۡعَلِيمُ
Rabbiin kee isatu akkaan uumaa, beekaadha

87 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 087

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ سَبۡعٗا مِّنَ ٱلۡمَثَانِي وَٱلۡقُرۡءَانَ ٱلۡعَظِيمَ
Dhugumatti Nuti dorban deddeebi'aa fii Qur’aana guddaa siif kenninee jirra.

88 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 088

لَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّنۡهُمۡ وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irratti hin gaddin; kooluu kee Mu’uminootaaf gadi qabi.

89 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 089

وَقُلۡ إِنِّيٓ أَنَا ٱلنَّذِيرُ ٱلۡمُبِينُ
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.

90 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 090

كَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَى ٱلۡمُقۡتَسِمِينَ
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne.

91 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 091

ٱلَّذِينَ جَعَلُواْ ٱلۡقُرۡءَانَ عِضِينَ
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).

92 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 092

فَوَرَبِّكَ لَنَسۡـَٔلَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.

93 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 093

عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Waan isaan dalagaa turan irraa.

94 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 094

فَٱصۡدَعۡ بِمَا تُؤۡمَرُ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraa garagali.

95 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 095

إِنَّا كَفَيۡنَٰكَ ٱلۡمُسۡتَهۡزِءِينَ
Nuti qishnitoota siif geenyeerra.

96 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 096

ٱلَّذِينَ يَجۡعَلُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.

97 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 097

وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدۡرُكَ بِمَا يَقُولُونَ
Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomti kee rakkachuu ni beekna.

98 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 098

فَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ ٱلسَّـٰجِدِينَ
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessi, Warra sujuudan irraa ta’i.

99 - Al-Hijr (The Rocky Tract) - 099

وَٱعۡبُدۡ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأۡتِيَكَ ٱلۡيَقِينُ
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.

[sc name="verse"][/sc]

Scroll to Top