Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa
Abuu Najiih ibnu Al-Irbaad ibnu Saariyaa irraa akka odeeffametti –Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gorsa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji isa irraa imimmaan harcaafte nu gorsanii jennaan: yaa…

