Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati
Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Faaximaan binti Abii Hubeysh Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jettee gaafatte: Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaaf…

