Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".

