Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu: Namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii firan ani isaan fufu kan isaan na kutanin qaba, toltuun isaanitti hojjadha, isaan immoo hamtuu natti hojjatan, ani hamtuu isaanii danda'ee jiraadha, isaan im…

