Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Mas'uud Uqbaa ibnu Amrii Al-Ansaarii Al-Badrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu».
Explanation
Benefits
Qaanii qabaachuun amaloota Nabiyyootaa -nagaan irra haa jiraatu- keessaa isa tokkoodha, kun waan isaan irraa dhufeedha.
Qaanii jechuun isa nama muslimaa tokko waan bareedaa fi miidhagaa akka hojjetu, waan xureessuu fi fokkisisu akka dhiisu isa godhuudha.
Nawawiin akkana jedhe: Ajajni Hadiisicha keessatti dhufe ni hayyamama jechuufi, jechuunis: Yoo waan tokko hojjechuu barbaadde, waan Rabbii fi namoota duratti hojjechuu hin qaanofne yoo ta'e isa hojjedhu, akkas ta'uu baannan ofirraa dhiisi jechuudha, kun immoo adeemsa Islaamaati, Sababni kanaas wanti itti ajajamu kan dirqamaa fi waan dalagamuuf gorfamu dhiisuu irraa ni qaanfatama, waan irraa dhoorgame haraama fi jibbamaa hojjachuu isaa irraa qaanfatama, waan eeyyamamaa ta’e immoo raawwachuus ta'ee dhiisuun isaa ni eeyyamama, kanaaf Hadiisni kun murtiiwwan shanan hammateera. Akkasiis jedhame: ajaja bifa sodaachisaan dhufeedha, jechuunis: Yoo safuun si irraa mulqame waan barbaadde raawwadhu, Rabbiin garuu irratti si herraga, akkasis jedhame: Ajaja bifa oduutin dabarfame, jechuunis: namni hin qaanofne waan fedhe hojjeta jechuu dha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

