Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Abbaas, Abdullaah Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti –Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: guyyaa wohii booda nabiyyiitti –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbadhee osoon jiruu akkas jedhani: «Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki: ummanni hundi waan tokkoon si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabeen malee waan tokkooniyyuu si hin fayyadanu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan sila Rabbiin sitti barreesseen malee waan tokkooniyyuu si hin miidhanu, qalamoonni kaafaman, kitaabonnis qooran». Gabaasa Tirmiziitiin alatti: «Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo bal'inaa keessatti Rabbiin wol bari, yeroo dhiphinaa keessatti si beekaatii, beeki! wanti (qadaratti) si bira darbe tokko kan si mudatu hin taane, wanti si mudate immoo kan si bira darbu hin taane, beeki! tumsi obsaa waliini, furmaannis rakkoo waliini, jabina waliinis laafinaatu jira».
Explanation
Benefits
Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
Waan Isa malee jiru dhiisanii Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi Isuma qofa irratti tawakkaluutti ajajuudha, keessa, Inni hirkoof waa tole.
Murtoo, qadaratti amanuu fi isa jaallachuudha, Rabbiin dhugumatti waan hundaa qaddaree jira.
Nama ajaja Rabbii gate Rabbiin isa gata, isas hin tiksu.
Gammachuun guddaan ilmi namaa rakkinni yoo isa mudate laafina haa eeguudha.
Yeroo balaan mudatee fi jaalalleen darbetti bohaarsaan gabrichaa, jecha isaanii kan: "beeki! wanti si mudate si dhabuuf hin turre, wanti si dhabe si mudachuuf hin turre" jedhu keessa jira, himni tokkoffaan wanti jibbamu yeroo nama mudateef bohaarsaadha, himni lammaffaa immoo wanti jaallatamu yeroo nama darbeef bohaarsaadha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

