Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa Abdurrahmaan ibnu Sakhrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa, worra isiniin duraa wanti dhabamsiise, gaaffii heddummeesuu isaaniitii fi nabiyyoota isaanii irratti wol dhabuu isaaniiti».
Explanation
Benefits
Wantoota dhoorgaman keessatti, wanta tokkollee hojjachuun hin eeyyamamne, ajajni garuu dandeettiidhaan daangeffame; kunis kan ta'eef dhiisuun danda'amaadha, waa hojjachuun immoo, hojii itti ajajamne sana argamsiisuuf dandeettii gaafata waan ta'eefi.
Gaaffii baay'isuun dhoorgaa tahuudha, Ulamaa'in dhugumatti gaaffilee bakka lamatti qoodaniiru: Tokkoffaan: Dhimma amantii ilaalchisee waan barbaachisaa ta'e bifa barnootaatiin gaafachuu yoo ta'u, kuni itti ajajamaadha, gaafileen sahaabotaa gosa kana irraayi. Inni lammaffaa: gaafilee bifa mataa jabinaafi itti of dirqanii gaafataniidha, kuni isa irraa dhoorgameedha.
Ummata kana akka ummata isaan dura darbanitti argametti Nabiyyii isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka hin faallessine akeekkachiisuudha.
Wanti irraa dhoorgame xiqqaa fi hedduus ni qabata; xiqqaa fi guddaa isaa irraa fagachuun malee, haraama irraa fagaachuun hin argamu waan ta'eef jecha, fakkeenyaaf: Rabbiin ribaa irraa nu dhoorgee jira, dhoorgaan kun immoo ribaa xiqqaa fi guddaas ni qabata.
Sababoowwan gara haraamaatti nama geessan dhiisuudha; Kun hiikkaa irraa fagaachuu irraa waan ta'eef jecha.
Ilma namaatiif Yeroo ajaja Ergamaa dhaga'etti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "ajajichi dirqama moo jaallatamaadha?" jechuun hin barbaachisu, inumaa isa hojjachuutti ariifachuu qaba; jecha isaanii: «isa irraa hanga dandeessan hojjadhaa». jedhuuf jecha.
Gaaffii heddummeessuun sababaa badiinsaati, keessattuu dhimmoota gaafatanii itti ga'uun hin danda'amne, kan akka gaaffii dhimmoota fagoo (gaybii) faa, akkaataa haala guyyaa qiyaamaa faa keessatti, kan akkasii keessatti gaaffii hin heddummeessin ni baddaatii, akkasuma worra of dirqisiisanuu fi worra gadi fageessanii waa qoqqotan irraa taataatii.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

