Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isarratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati, guyyaa kana keessatti Aadam uumame, isa keessatti ammas Jannata seensifame, guyyaa kana keessatti irraa ari’ames, guyyaa Jum’aa malee Qiyaamaan hin dhaabbattu».
Explanation
Benefits
Guyyaa Jimaataa keessatti hojii gaggaarii baay'isanii hojjechuu irratti kakaasuudha, akkasumas rahmata Rabbii argachuu fi dheekkamsa Isaa jalaa bahuuf qophaa’uun barbaachisaa akka ta'eedha.
Wantoonni guyyaa Jum’aa adda taasisan tan Hadiisa keessatti ibsaman kunneen akkana jedhame: isiin Sadarkaa guyyaa Jum’aa dubbachuufii miti; Sababni isaas Aadam Jannata irraa baafamuu fi Qiyaamaan dhaabbachuun akka sadarkaatti waan hin ilaalamneef jecha. Akkasis jedhame: hundi isaaniituu sadarkaa caalmaati, Aadam jannata irra bahuun ammoo ergamtoota, nabiyyoota fi namoota gaggaarii irraa sanyiin argamuuf sababaa ta’e, Qiyaamaan dhaabbachuun ammoo mindaa warra gaggaarii ariifachiisuu fi kabajowwan adda addaa irraa waan Rabbiin isaaniif qopheesse akka argataniif sababaa ta'e.
Wantoota Hadiisa kana keessatti dubbataman malee wantoonni biroo kan guyyaa jum'aa adda taasisan dubbatamaniiru, isaan keessaa: guyyaa kana keessatti Aadam irratti towbaan deebi'ame, ammas isa keessatti du'e, guyyaa kana keessa sa’aatiin gabricha mu’uminaa kamiyyuu osoo kadhatee isa qunnamee, Rabbiin waan san isaaf kennu malee hin hafneetu jira.
Irra caalaan guyyoota waggaa Guyyaa Arafaati, akkasiis jedhame: Guyyaa qalmaati, irra caalaan guyyoota torbaanii guyyaa Jum’aati, irra caalaan halkanii ammoo halkan qadriiti (leylatul qadr).
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

