Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Abdullaah Annu'umaan ibnu Bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Explanation
Namni wantootii isatti wal fakkaatte sana dhiise amantiin isaa haraama keessa bu'uu irraa fagaachuun isaaf baraarame, akkasumas haasawa namootaa kan silaa osoo inni waan wal fakkaataa kana raawwatee isaan isa aybeessan irraa kabajaan isaas baraarameeraaf. Namni waan wal fakkaattuu irraa hin fagaatin haraama keessa akka bu'uuf, yookaan namoonni kabajaa isaa akka tuqanuuf dhugumaan lubbuu isaa saaxilee jira. Rasuulli -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala nama wantoota nama irratti wal fakkaatan raawwatuu fi inni akka tiksee dachii abbaan isii isii daangeessetti dhihaatee horii isaa tikfatuutii, horiin tiksee waan itti dhihaattee jirtuuf daangaa kana keessa seentee nyaachuutu malaa ifa nuuf galchuuf jecha fakkeenya fudhataniiru, namni waan wal fakkii qabu hojjatus akkasuma jechuudha, inni sanaan haraamatti dhihaata, isa keessa bu'uutu mala. Booda sanaatii qaama namaa keessa wanni akka cittuu foonii akka jirtu (isiin qalbiidha) Nabiyyiin himan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isiin toluudhaan qaamni tola, isiin baduudhaan qaamni bada.
Benefits
Waan wal fakkaatu, kan murtoon isaa ifa hin tahin dhiisuutti kakaasuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

