Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Amiira Mu'umintootaa Abuu Hafsi Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira, namni godaanisi isaa gara Rabbii fi ergamaa isaatti ta’e, godaansi isaa gara Rabbii fi ergamaadhuma isaatti ta'a, namni godaansi isaa immoo duuniyaa argatuuf yookaan dubartii fuudhuuf ta’e immoo, godaansi isaa garuma itti godaane sanatti ta'a».
Explanation
Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.
Benefits
Namni dirqamni isa irra ka'ame hojiiwwan gama Rabbiitti ittiin dhihaatan akka Aadaatti yoo hojjate isii irratti mindaan isaaf hin jiru, hanga isiidhaan Rabbitti dhihaachuu fedhutti.
Niyyaadhaan ibaadaan aadaa irraa adda ba'a, akkasumas ibaadaan gariinis garii irraa niyyaadhaan adda ba'a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

