“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Humeyd ykn Abuu Useyd irraa odeeffamee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: “Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”.
Explanation
Benefits
Yeroo seensaa rahmanni wanni dubbatamee, yeroo bahan ammoo tolinni wanni dubbatameef: Namichi seenu waan gara Rabbiiti fi jannata Isatti isa dhiheessu irratti waan bobba'uuf jecha, kanaaf rahmata dubbachuun sirrii ta'e, yeroo ba'e ammoo dachii keessa deemuun rizqii Rabbii barbaada, kanaaf tolina dubbachuun sirrii ta'e.
Du'aa'in kun yeroo masjiida seenuu fedhanii fi yeroo masjiida irraa bahuu fedhan jedhama.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

