Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Anas bin Maalik irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaalatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeysii dhabanii, namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii ani bakka inni jiru nan beeka, gara isaas dhufee mana isaa keessa mataa isaa gadi qabatee kan taa'u argee akkana jedheen: Maaltu si mudate? innis ni jedhe: Hamtuudha, sababni isaas isaatu -of baanee- sagalee isaa kan Rasuulaa irra kan ol kaasu waan ta'eef jecha, kanaafuu hojiin isaa jalaa badee jira waan ta'eef inni warra ibiddaa irraayi. Eegasii namichi dhufee inni akkanaa fi akkas akka jedhe isaanitti hime.Yeroo itti aanutti oduu gammachiisaa qabatee deebi'e, akkas jedhaniin: "Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi".
Explanation
Namichis gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- deebi'ee waa'ee isaa itti hime, Nabiyyichis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Saabititti deebi'ee inni warra ibiddaa irraa osoo hin taane warra jannataa irraayi jechuun akka isa gammachiisu ajajani, sababni isaas sagaleen isaa uumamatti ol ka'aa waan ta'ee jecha, akkasumas inni khaxiiba Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fi khaxiiba warra Ansaaraa waan ta'eef jecha.
Benefits
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabota isaanii kan itti yaadda'anii fi kan tottoo'atan ta'uudha.
Hojiileen isaanii jalaa baduu irraa Sodaa Sahaabonni qabaniidha, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.
Bara jireenya isaanii keessatti haasaa Nabiyiii -nagaa fi rahmanni waaliin taasisan keessatti naamusa qabaachuun dirqama ta'uudha, eega isaan du'anii ammoo yeroo sunnaa isaanii dhaga'an keessatti sagalee gadi qabachuun dirqama akka ta'eedha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

