yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatattii suuraa aala-imraan keessaa akkas jettu {inni isa sirratti kitaaba buuse isa irraa keeyyata ifaatu jira, isaan bu'uura kitaabaati, kan biraa immmoo wol fakkaattuudha, worri onnee isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaa fi hiika isaa isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wol fakkaataa hordofu, hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku, worri beekumsa keessa fagaatan immoo "hunduu Rabbii keenya biraayyi itti amanne" jedhu, worra sammuu qabu malee namni biraa hin gorfamu} [suuraa aala-imraan: 7]. Aa'ishaanis akkas jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti fufuun akkas jedhani: «yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa».
Explanation
Benefits
worra jallinaa, worra bida'aa fi worra nama jallisuu fi shakkii keessa isaan buusuuf jecha gaaffii kaasaniin wolitti makamuu irraa sodaachisuutu keessa jira.
aayaticha jecha Rabbii ol ta'ee: {worra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu} jedhuun xumuruu keessa: worra jallinaa mormuu fi worraa beekumsa keessa gadi fagaatan faarsuutu keessa jira, akkas jechuun: namni hin gorfamne, kan fedhii isaa hordofe inni worra sammuu qabu irraa miti jechuudha.
wol fakkaataa hordofuun jallinaaf sababa ta'a.
aayattoota wal fakkkaatoo ta'an kan hiikkaan isii hubatamuu dhabuu maltu gara aayattoota iftuu taateetti deebisuun dirqama ta'uu isaa.
Rabbiin -inni qulqullaa'e- garii qur'aanaa ifa garii immoo wol fakkaataa taasise, ittiin nama qoree akka worri iimaanaa worra jallinaa irraa ittiin adda ba'anuuf jecha.
wol fakkaataan qur'aana keessatti argamuu keessa: sadarkaa beektonni namoota kaan irra qaban muldhisuudha, akkasumas yaadni sammuu gabaabaa ta'uu isaa beeksisuudha; dadhabiinsa isii of irratti ragaa baatee tolchaa isiitti harka akka kennituuf jecha.
beekumsa keessatti gadi fagaachuu fi isa keessatti ragga'uun sadarkaa inni qabuudha.
hayyotni qur'aana hiikan jecha Rabbii { وما يعلم تأويله إلا الله والراسخون في العلم }{ hiikkaa isaa isa dhokataa Rabbiin malee hin beeku worri beekumsa keessa gadi fagaatani} jedhu irratti yaada lama qabani: worri jecha "Allaah" jedhu irratti dhaabbate, hiikkaa kan jedhu kan itti fedhame, maalummaa dhugaa waan tokkoo kallattii hundaan isa baruuf karaan kan itti hin jirre, akka dubbii lubbuu fi yeroo qiyaamaan itti dhaabbattuu kanneen Rabbiin beekumsa isaa of qofaaf taasise jechuu ta'a, worri beekumsa keessa gadi fagaatani itti amananii maalummaa isaa isa dhugaa Rabbitti hirkisuun isaaf qeebalanii ofiifis jallina irraa najaa ba'ani, worri jecha Rabbii "Allaah" jedhu irratti dhaabbachuu dhiisee kan isa boodaan jiruun wolitti fufee qara'e immoo, hiikkaa isaatti kan fedhame tafsiiraa fi ifa isa galchuu ta'a, akkaataa kanaan Rabbii fi worri beekumsa keessa gadi fagaatanis hiikkaa isaa ni beeku jechuu ta'a, isiitti amananii gara isii ifa taateetti deebisu jechuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

