Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Miqdaam ibnu Ma'adii Kariba irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».
Explanation
Benefits
Galmi nyaachuu, fayyaa fi humna eeguudha, isaan lameeniin jireenyi nagaa ta'e argama.
Nyaata garaa guutuun miidhaa diinii fi duuniyaa qaba, Umar -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: «Quufanii nyaachuu(garaa guddachuu) irraa of eeggadhaa adaraa, inni qaama ni balleessa salaata irraa immoo nama taati'eessa».
Nyaanni akkaataa murtoo isaatiin qooddaawwan hedduutti qoodama: Isa dirqamaati, innis isa ittiin jireenyi tikfamu, kan isa dhiisuun immoo miidhaatti geessuudha. Eeyyamamaadha: innis hanga dirqamaa irraa darbee garuu miidhaan isaa kan hin sodaatamneedha. Jibbamaadha, innis isa miidhaan isaa sodaatamuudha. Haraama, innis isa miidhaan isaa beekamuudha. Jaallatamaadha, innis isa gabbartii Rabbiitii fi isaaf ajajamuu keessatti ittiin of gargaarsifatamuudha. Kanas Hadiisa keessatti bakka sadiitti qooduun guduunfee jira: Inni jalqabaa: garaa guutuudha. Lammaffaan: Luqumaawwan dugda dhaabanuudha. Sadaffaan immoo: jecha jecha isaaniiti: «Tokko sadaffaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaan kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaan hafe immo hafuura isaatiif». Kun hunduu wanti nyaatamu halaala yoo ta'eedha.
Hadiisni kun Qajeelfama qajeelfamoota fayyaa irraa ta'eedha, Beekumsi fayyaa bu'uuroota sadii irra naannawa: humna eeguu, tiksuu fi duwwaa gochuudha, Hadiisichi kan jalqaa lameen of keessatti qabateere, akkuma jecha Rabbii ol ta'ee keessatti dubbatame: {Nyaadhaa dhugaa, daangaa immoo hin darbinaa, Inni dhugumatti daangaa darbitoota hin jaallatu} [Al-A'araaf: 31].
Faaydaa diinii fi duuniyaa waan wolitti qabateef, shari'aan islaamummaa guutuu ta'uu isaa agarsiisa.
Beekumsa shari'aa keessaa: Bu'uuroowwan fayyaa fi gosoota isa irraa ta'eedha, akkuma dammaa fi absuuda gurraacha keessatti dhufee jirutti.
Seerowwanii fi murtoowwan shari'aa isalaamaa ogumma of keessatti qabachuu isaa fi akka inni miidhaawwan deebisanii bu'aawwan fiduu irratti gadi dhaabbateedha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

