Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu ni jedhe-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama, eegasii guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti dhiiga itite ta'a, eegasii ammas guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti foon cittuu ta'a, eegasii malaaykaan gara isaatti ergamee, jechoota afuritti ajajama, rizqii isaa, beellama du'a isaa, hojii isaa fi hoonga'aa yookaan milkaa'aa ta'uu isaa barreessa, eegasii lubbuu isatti afuufa, dhugumatti tokkoon keessan hanga isaafi jannata gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra jannataa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra ibidda hojjatee ibidda seena. akkasuma dhugumatti tokkoon keessan hanga isaa fi ibidda gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra ibiddaa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra jannataa hojjatee jannata seena».
Explanation
Benefits
hojiiwwan xumara isaaniitiin madaalamu waan ta'eef hanga hojiitiin gowwoomuu irraa sodaachisuutu keessa jira.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

