HadeethEnc · 1.25.0
Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi maatii isaa kan isaaniif baasii baasuun isa irratti dirqama ta'u, kan akka haadha manaa isaa, haadhaaf abbaa isaa, ilmaaan isaa fi kanneen biroo haala Rabbitti ittiin dhihaachuu fi mindaa waan baasu sanaa haala isa irratti herregatuun baasii yoo isaaniif baase, mindaan sadaqaa akka isaaf jiru himan.
03
Benefits
Kenna maatii isaatiif kennuun mindaan akka argamuudha.
Mu'uminni hojii isaa keessatti fuula Rabbiitii fi mindaa isa bira jiru barbaada.
Hojii hunda keesatti niyyaa bareedduu of duratti godhachuutu barbaachisa, sana keessaa yeroo maatiif baasii baasanutti.
Mu'uminni hojii isaa keessatti fuula Rabbiitii fi mindaa isa bira jiru barbaada.
Hojii hunda keesatti niyyaa bareedduu of duratti godhachuutu barbaachisa, sana keessaa yeroo maatiif baasii baasanutti.
Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

