Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi,
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullah bin Umar irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- akkana jedhan: "Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".
Explanation
Khaadimni gabra ta'ee fi namni qacaramee hojjetu qabeenya gooftaa isaa keessatti itti gaafatamummaadha qaba, isa irraa waan harka isaa keessa jiru jabeessuu fi tajaajiluudhaan, inni sana irraa itti gaafatamummaadha qaba. Namni hundinuu waan isa irratti tiksee godhame keessatti tikseedha, namni hundinuu waan tiksu irraa ni gaafatama.
Benefits
Itti gaafatamummaan dubartii guddaa ta'uudha, sunis haqa mana abbaa warraa ishee fi ijoollee ishee ilaalchisee dirqama ishee bahachuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

