Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Mu'aawiyaa al-Qushayrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha».
Explanation
Tokkoffaa: ishee dhiiftee ofii kee qofaaf hin nyaatin, yeroo nyaattu hunda ishee nyaachisu qabda.
Lammaffaa: Yeroo uffata uffattu ofii kee qofaaf hin uffatin, yeroo ofii uffatte ishees uffisuu qabda, akkasumas yeroo argattee fi dandeesse.
Sadaffaa: Sababaa fi barbaachisummaa malee hin rukutamtu, yeroo adaba qabsiisuuf ykn isheen waajiba dhiisuuf ishee rukutuu barbaade rukutiinsa ishee hin fokkifne ta'uu qaba, fuula keessa ishee rukutuu hin qabu; Sababni isaas fuulli kutaa qaamaa keessa isa guddaa fi mul’atu waan ta’eef jecha, akkasumas qaama kabajamaa fi lallaafaa of keessaa qaba waan ta'eef jecha.
Afraffaa: Ishee hin arrabsin, ykn akkana hin jedhiniin: "Rabbiin fuula kee haa fokkisu", Fuula ishees ta'ee qaama ishee kamiyyuu fokkina faallaa bareedinaa ta'een kaasuu hin qabu; sababni isaas Rabbii ol ta'eetu isa uume waan ta'eef jecha, inni waan uume hunda bareechee uume, uumama arrabsuun uumaa arrabsuutti nama geessa Rabbiin irraa nu haa eegu.
Shanaffaa: bakka hirriibatti malee isheen hin oodin, irraas gara hin galin, gara mana biraattis ishee hin gaggeessin, tarii gochi kun yeroo hiriyoonni gaa’elaa lamaan waliin oodan kan barame ta’uus danda'a.
Benefits
Abbaa manaa ishee irratti dubartii qallabuun, uffisuu fi eddoo jireenyaa itti godhuun dirqama ta'uudha.
Maqaa balleessuun keessoo fi alaa dhoorgaa ta’uudha.
Arrabsoo dhoorgame keessaa akkana jechuudha: "ati gosa gadi aanaa irraa dhufte, ykn maatii badaa irraa dhufte, ykn waan kana fakkaatu jedhanii arrabsuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

