Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Explanation
Tokkoffaan: jecha gaariidha: sun akka subhaanallaa jechuu, laa ilaaha illallaah jechuu, toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu fi namoota gidduu wolitti tolchuuti, kana yoo hin hojjanne haa callisuu, hamtuu isaas haa saassaabbatu, arraba isaas haa eeggatu.
Lammaffaan: ollaa kabajuudha: tola isatti ooluu fi azaa isa gochuu dhabuun.
Sadaffaan: keessumaa ziyaaraa keetiif dhufu kabajuudha: haasawa toluun, nyaata nyaachisuu fi kan sana fakkaataniin isa kabajuudha.
Benefits
Balaa arrabaa irraa sodaachisuudha.
Amantaan islaamaa amantaa tokkummaa fi arjummaati.
Wantoonni kun damee iimaanaa fi namuusa faarfamtuu taate irraayi.
Hasawa hedduummachuun gara waan jibbamaatti yoookaan gara haraamaatti geessuutu mala, haasawuu dhiisuu keessa nagaan jira yoo toltuu ta'e malee.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

