Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: "Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".
Explanation
Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.
Benefits
Nama fajrii salaate nama hamtuun tuqu irratti sodaachisni jabaan dhufuu isaati.
Rabbiin nama gabroottan isaa gaggaarii tuqu irraa haaloo akka ba'uudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

