Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- salaanni akka gaggeeffamu ajajanii, nama bakka isaanii bu'ee ummataan salaatu muudanii, eegasii dhiirota muka qoraanii baatan waliin deemanii dhiirota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti maneen isaanii ibiddaan gubuu irratti dhugumatti murataniiru; hammeenya badii isaan raawwatan irraa kan ka'een, -garuu isaan akkas hin goone- sababni isaas dubartootaa fi ijoolleen cubbuu hin qabne, akkasumas namoonni biroo kan uzrii (rakkoo) qabanii fi badii tokkollee hin qabne manneen keessa waan jiraniif jecha.
Benefits
Munaafiqonni ibaadaa isaanii keessatti nama agarsiifachuu fi dhageessifachuu malee yaada biraa waan hin qabneef, yeroo namoonni isaan argan malee gara salaataa hin dhufan.
Salaata Ishaa fi Fajrii jama’aa waliin salaatuun mindaa guddaa akka qabuu fi osoo shorroqiinsalleen ta'ee isaan lamaan dhufuun barbaachisaa akka ta'eedha.
Salaata Ishaa fi Fajrii salaatuun munaafiqummaa irraa nagaa ta'uu agarsiisa, isaan lamaan irraa hafuun ammoo mallattoolee munaafiqootaa keessaa isa tokko.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

