Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Ma'adaan bin Abii Xalhaa Al-Ya'amarii irraa odeeffamee akkana jedhe: Sowbaan bilisa bahaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan ta'e qunnameen, akkas jedheen: Dalagaa sababaa isaatin Rabbiin jannata na seensisu naaf himi? ykn akkas jedhe: nan jedhe: Dalagaa gara Rabbiitti irra jaalatamu naaf himi, ni cal'ise, eegasii isa nan gaafadhe, ammas ni cal'ise, eegasii sadaffaa isa nan gaafadhe, akkas jedhe: Yeroo baay’ee sana Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafadhee, akkas jedhan: «Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee» Ma'adaan akkas jedhe: Eegasii Abuu Al-dardaa qunnameen isa gaafadhee, fakkaatuma Sowbaan naan jedhe naan jedhe.
Explanation
nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gaafataan akkana jedhan: "Salaata keessatti yeroo baay’ee sujuuda gochuu qabadhu, sababni isaas ati sujuuda tokko Rabbiif jecha hin sujuuddu Rabbiin sababaa sanaan sadarkaa kee ol kaasee, dilii kee siif araaramu malee.
Benefits
Jannata seenuun -booda rahmata Rabbiitii- hojiidhaan malee akka hin argamne sahaabonni akka cimsanii beekan ibsuudha.
Salaata keessatti sujuuda gochuun irra guddaa sababoota sadarkaaleen ol ka'uuti fi diliiwwan namaaf dhiifamuu irraayi.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

