Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isa irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti».
Explanation
Tokkoffaan: Namni boqoo of rukute, boqoo adda baasee wanti dubbateef yeroo hedduu akkas waan godhamuuf jecha, yoo akkas hin jenne fuula hafe rukutuun dhoorgaa keessatti hammatama.
Inni lammafaa: sababa abdii murachuu garmaleetiin mataan itti seenuuf uffata cicciruudha.
Sadaffaan: nama Kadhannaa ummata bara Islaamummaa duraa kan akka kadhannaa wayyoo jechuu, badiinsa ofitti kadhachuu, nama du'eef sagalee olkaasanii boo’uu fi kkf kadhateedha.
Benefits
Balaa irratti obsa qabaachuun dirqama ta'uu fi murtiiwwan Rabbii kan laalessoo ta’an irratti dallananii, sana boo’ichaan, rifeensa haaddachuudhaan, ykn uffata ciruudhaan ykn karaa biraatiin agarsiisuun dhoorgaa ta'uudha.
Dhimmoota seerri shari'aa hin raggaasifne hojjachuun ummata bara Islaamummaa duraa turanitti fakkaachuun dhoorgaa ta'uudha.
Gadduu fi boo’uun qadara Rabbii ol ta'ee irratti obsuun waan wal hin faallessineef jecha rakkoo hin qabu, inumaa inni rahmata Rabbiin qalbii firootaa fi namoota jaallatan keessa kaaʼeedha.
Muslimni murtii Rabbii jaalachuudha qaba, yoo hin jaalanne immoo obsi dirqama isaati.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

