Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».
Explanation
Benefits
Booddeen nama muslimaa haqaan maletti arrabsuu guddaa ta'uudha, Namni haqaan malee muslima arrabsu Faasiqa/nama karaa Rabbii irra bahe taha.
Muslima arrabsuu fi isaan loluun iimaana akka laaffisee, xiqqeessuudha.
Gochoonni tokko tokko kufrii jedhaman; sadarkaa Kufrii guddaa amantii Islaamaa keessaa nama baasu osoo gayuu baatanillee.
Akka waliigaltee warra Sunnaatti, asitti kufritti kan fedhame kuffrii xiqqaa amantii keessaa nama hin baafneedha; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e bakka waldhabdee fi walfalmiin gidduu mu'umintootatti uumametti obbolummaa amantii amantootaaf mirkaneessee jira waan ta'eef jecha, akkas jedhe: (gareen mu'umintoota irraa ta'an lama yoo wal lolan gidduu isaanii araarsaa) hanga (Mu'umitoonni Obbolaa dha) jechuu bira gayutti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

