Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Jariir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbii irraa akka odeessetti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera».
Explanation
Benefits
Gara laafiinsa keessa toltuun biyya lamaa toora qabachuutu jira, akkasuma dhimmoonni isaanii bal'achuutu jira, gara jabina keessa immoo faallaa isaatu jira.
Gara laafummaan amala toluu fi nagummaa irraa kan maddudha, gara jabinni immoo dallansuu fi amala dhabummaa irraa kan maddudha, kanaaf nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faaruu daangaa darbeen gara laafummaa faarsan.
Aalimni salafaa guddaan sufyaan assawrii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- hiriyoota isaatiin akkas jedhe: gara laafummaan maal akka ta'e beektuu? inni wantoota bakka isiidhaaf malu kaa'uudha, gara jabina bakka isaaf malu, gara laafinas bakka isaaf malu, sayfiis bakka isaaf malu, alangaas bakka isaaf malu kaa'uudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

