hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Umar ilama Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".
Explanation
Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.
Benefits
Namni dirqamni isa irra ka'ame hojiiwwan gama Rabbiitti ittiin dhihaatan akka Aadaatti yoo hojjate isii irratti mindaan isaaf hin jiru, hanga isiidhaan Rabbitti dhihaachuu fedhutti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

