Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Shaddaad ilma Aawsii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: waa lama Ergamaa Rabbii irraan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haffaze, ni jedhan: "Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorra'amaa isaa haa boqachiisu".
Explanation
Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha.
Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.
Benefits
Ajjeechaa fi gorraasuu tolchuu jechuun akka itti karaa godhameen raawwachuu jechuudha.
Guutina shari'aa fi khayrii hunda walitti qabachuu isaati, sana irraa lubbu qabeeyyiif rahmata gochuu fi jaraaf laphee baachuudha.
Booda waa ajjeesanii qaama isaa kukkutuu irraa dhoorguudha.
Hunda waan lubbu qabeeyyii cinquun isa keessa jiruu haraama taasisuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

