Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Abs Abdurrahmaan bin Jabri irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane».
Explanation
Benefits
Dhukkeen osoo qaama guutuu tuquu miila lamaan addatti dubbateef; irra hedduun qabsaa'otaa yeroo sana keessatti waan miilan deemaniif jecha, miilowwan haaluma hundaanuu dhukkooftuudha.
Ibnu Hajar akkana jedhe: Miilli qofti dhukkaa'uun ibidda yoo haraama irratti godhe; namni carraaqu fi waan dandeetti isaa keessa jiru hunda aarsaa kaffalu akkam ta'a hoo?
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

