Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Zayd ibnu khaalid irraa akka odeeffameetti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira».
Explanation
Akkasumas namni dhimma nama duulee toltuun itti gaafatamummaa fudhatee, yeroo inni qe'ee irraa fagaatutti maatii isaa eeguu keessatti bakka isa irraa bu'e inni akkuma nama duuleetti lakkaawama jechuu himani.
Benefits
Aalimni guddaan ibnu hajar akkas jedhe: Hadiisa kana keessa nama muslimootaaf toltuu hojjate yookaan nama dhimma tokko kan dhimmoota isaanii irraa ta'een dhaabbateef tola ooluutti kakaasuutu jira.
Foormulaan wolii galaa: namni karaa Rabbii keessatti nama gargaare mindaa akka nama gargaaree sanaatu isaaf jira, mindaa nama gargaaramee sana irraa homaa osoo hin hir'ifamin.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

