Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti».
Explanation
Benefits
Rabbii ol ta'eef akka hin ajajamne taasisuuf sheyxaana ilma namaatif daandii hunda irra taa'u irraa of eeggannoo gochuun akka barbaachisaa ta'eedha.
Ibn Hajar akkan jedhe: jechi isaa: (Gama salaataa hin kaane) jedhu itti fedhamaan salaata gosa kamiyyuu ta’uu danda’a, akkasumas salaata beekamaa ta’uu danda’a, salaata halkaniis ta’ee ykn salaata dirqamaa.
Xiibiin akkana jedhe: osoo ijji hirribaan wal qabattee jirtuu gurra addatti wanti dubbateef hirribni ulfaataa ta'uu akeekuufi, Gurri qaama xiyyeeffannaan ittiin godhamuudha. Addatti fincaan wanti kaasef; waan inni gara keessotti ga'uuf irra laafaa ta'ee fi ujummoolee dhiigaa keessa dafee yaa'uf jecha, sababaa kanaatin qaamota hunda keessatti ceem'aa nama dhaalchisa.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

