ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Anas bin maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafate, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama.
Explanation
Benefits
akkasuma haala toluu nabiyyii fi yeroo gaafataaf deebisanu suutaan deebisuu isaanii, deebiin toluun sababaa waamichi qeebaltii argachuutiidha.
nama tokko uumama isaa adii, diimaa, dheeraa, gabaabaa fi kanneen sana fakkaatanu kan xureessuun ittiin hin barbaadamneen beeksisuun eeyyamamaa ta'uudha, waan sana kan hin jibbine yoo ta'e.
kaafirri haajaadhaaf masjiida seenuun eeyyamamaa ta'uudha.
hadiisicha keessatti hajjii hin dubbanne; sababni isaas yeroo inni dhufee gaafate sanatti ammallee dirqama hin taasifamne ta'uun waan maluuf jecha.
namoota gara islaamummaa waamuu keessatti bolola sahaabonni qabanu; akkuma islaamummaa qeebaleen hawaasa isaatiif waamicha gochuuf bolole.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

