HadeethEnc · 1.25.0
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abdullaah bin Maalik Ibnu Buheynah irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an.
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo sujuuda godhan haala sujuuda irra jiraniin jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an; hunduma harkaatuu akka baallee lamaanitti cinaacha isatti aanu irraa hanga halluun gogaa bobaa isaanii lamaan mul’atutti kan fageessan ta'an. Kun harka lamaan akka baallee taasisanii cinaacha lamaan irraa isaan fageessuu keessatti hoonga gahuu irraayi.
03
Benefits
Akkaataan kun sujuuda keessatti jaalatamaa ta'uudha, innis irree isaa lamaan cinaacha isaa lamaan irraa fageessuudha.
Ma'amuumni (Namichi duubaan salaatu) harka isaa adda fageessuun ollaan isaa kan rakkatu yoo ta'e harka isaa adda fageessuun isaaf hin hayyamamu.
Sujuuda keessatti harka adda fageessuu keessatti faayidaalee hedduutu jira, sana keessaa: Sochii fi fedhii salaataa agarsiisuudha, akkasumas namni sujuudu humnoolee sujuudaa hunda irratti yeroo hirkate hundi humna sujuudaa ibaadaa irraa haqa isaa ni fudhata, Akkasis jedhame: Ogummaan sana keessa jiru inni gad of qabuu wajjiin wal fakkaachuu isaati, akkasumas kallachaa fi funyaan lafa irratti gadi qabuu keessatti gargaara, Akkasumas miseensi tokkoon tokkoon isaa ofii isaatii akka adda ba’u gargaara.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares