Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Zaynab bintu jahsh irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaa rifataa isiitti ol seenani: «Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname» eegasii quba isaanii abbudduu fi kan itti aantee jirtuun geengessanii agarsiisani, zaynab bintu jahsh akkana jette: yaa ergamaa Rabbii: osoo worri gaggaariin nu keessa jiruu dhabamnaa? isaanis ni jedhani: «eeyyen badiin yoo heddummaate».
Explanation
Benefits
Badii irraa dhoorguu fi argamuu isii ittisuutti kakaasuudha.
Balaan sababaa badiin heddummattee faffacaatee fi sababaa isii irraa dhoorguu dhabuutiin mudata, worri gaggaariin yoo heddummaatan illee.
Balaan namoota hundaa qabatti gaggaarii fi badaa isaaniis, garuu gaafa kaafaman hunduu niyyaa isaanii irratti kaafamu.
Jecha isaanii "arabootaaf dhumaatiin ta'e sharrii dhugaan dhihaateef" jedhuun araboota addatti foo'uun; yeroo isaan akkas jedhanitti isaantu irra guddaa worra gara islaamummaatti seenanii turani.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

