HadeethEnc · 1.25.0
''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abbaa hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii isaanii akkana jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaanii irratti haa buusu-: ''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''.
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti akkana jechuudha ibsan: namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo isa keessatti qunnamtii saalaa hin raawwatin, rafasa jechuun qunnamtii saalaatii fi adda duree isaa kan akka dhungoo fi walitti dhiheenya qaamaati, akkasuma jechi badaanis rafasa ni jedhama.
Akkasuma namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo ajaja Rabbii hin faallessine, diliiwwanii fi badiiwwan hojjachuun, ajaja Rabbii faallessuu irraa dhoorgaawwan ihraamaa hojjachuudha, hajjii isaa irraa diliin isaa hundi haala isaaf dhiifameen deebi'a, akka daa'imni badiiwwan irraa qulqulluu ta'ee dhalatutti.

03
Benefits
Ajaja Rabbii faallessuun yeroo hundumaa dhoorgaa ta'us, sirna hajjii keessatti kabajaa ibaadaawwan hajjiif jecha isa irraa dhoorguun jabaadha ta'a.
Ilmi namaa dilii irraa qulqulluu ta'ee badiin maletti dhalata, dogongora nama biraas hin baadhatu.
Ilmi namaa dilii irraa qulqulluu ta'ee badiin maletti dhalata, dogongora nama biraas hin baadhatu.
Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares