HadeethEnc · 1.25.0
yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii warra Ansaaraa irraa taate tan Ibnu Abbaas maqaa isii dhawee, ani maqaa ishee dagadheen akkas jedhan: "Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?" Isheenis akkana jette: Gaala waraabbii lama qofa qabna turre, abbaan ilma ishee fi ilmi ishee gaala tokkoon hajjii godhanii, Gaala tokko ammoo akka bishaan ittiin waraabbannuuf nuuf dhiise, isaanis akkas jedhaniin: «yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti».
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahamanni irra haa jiraatu- Hajjii dhaamannaa irraa yeroo deebi’an, dubartii warra Ansaaraa tan hajjii hin godhin wahiitiin akkana jedhan: Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?
Gaala lama kan qaban yoo ta'u, abbaan manaa ishee fi ilmi ishee tokko irratti hajjii godhanii, isa kaan immoo Eela irraa bishaan akka ittiin waraabbataniif kan isaanif dhiise ta'uun rakkoo himatte.
Nabiyyiin -nagayaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- ji’a Ramadaanaa keessa umraa gochuun mindaa Hajjii waliin wal qixa ta’uu itti himan.

03
Benefits
Sadarkaa Umraa baatii Ramadaanaa keessatti raawwachuun qabuudha.
Umraan Ramadaana keessatti raawwatamu mindaa keessatti Hajjitti qixxoofti malee dirqama hajjii nama irraa hin kuffisu.
Mindaan hojiilee sadarkaaan yeroo dabaluun akka dabaluudha, san keessaa dalagaa baatii Ramadaanaa keessatti dalagamuudha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares