Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Tamiim Al-daarii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhuun dhaga’e: «Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu, jabeenya jabaatiin, ykn xiqqeenya xiqqaatatiin, Jabeenya Rabbiin Islaamummaa ittiin jabeessu fi xiqqeenya Rabbiin kufrii ittiin xiqqeessu» Tamiima Al-daariin akkana kan jedhu tahe: jecha kana ani warra kiyya keessatti dhugumatti argeera, Nama isaan irraa Islaamummaa qabate dhugumatti kheyriin, kabajaa fi jabeenyi isa mudateera, Isaan keessaa nama kaafira tahe ammoo salphinni, xiqqeenyi fi gibirri dhugumatti isa mudateera.
Explanation
Eegasii sahaabichi Tamiim Al-daariin, Rabbiin irraa haa jaallatu, waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubbatan sana maatii isaa keessatti akka beeke hime, isaan keessaa namni islaamummaa qabate kheyrii, kabajaa fi jabeenya akka argate, isaan keessaa namni isa didee kafare ammoo horii irraa waan muslimtootaf kaffalu wajjiin salphinaa fi xiqqeenyi akka isa mudate hime.
Benefits
Jabeenyi Islaamaa fi Muslimootaf ta'uu fi xiqqeenyi ammoo kufrii fi kaafirootaf tahuudha.
Isa keessa Ragaa ragaalee nabiyyummaa keessaa tahee fi mallattoo mallattoolee isaa keessaa taheetu jira, innis waan fuulduratti argamu dubbatanii akkuma isaan jedhanitti argame, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

