HadeethEnc · 1.25.0
Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: kintaarootiin wohii waan natti tureef akkaataa salaataa irraa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe, isaanis akkana jedhani: «Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti bu'uurri dhaabbii akka ta'e ifa galchani, haala dandeettii dhabeen yoo ta'e malee yeroo sana taa'ee salaata, yoo taa'ee salaatuu hin dandeenye cinaacha isaa irratti hirkatee salaatuu danda'a.
03
Benefits
Hanga sammuun bakka jirutti salaanni nama irraa hin bu'u, haala tokko irraa haala tokkotti tarkaanfachuun akkaataa dandeettiitiin ta'a.
Garbichi ibaadaa irraa waan danda'u hojjachuu keessa laafiinsaa fi salphina islaamummaatu jira.
Garbichi ibaadaa irraa waan danda'u hojjachuu keessa laafiinsaa fi salphina islaamummaatu jira.
Attribution
[Bukhaariitu gabaase]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

