المائدة
Al-Ma'idah
The Table Spread
1 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 001
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَوۡفُواْ بِٱلۡعُقُودِۚ أُحِلَّتۡ لَكُم بَهِيمَةُ ٱلۡأَنۡعَٰمِ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ غَيۡرَ مُحِلِّي ٱلصَّيۡدِ وَأَنتُمۡ حُرُمٌۗ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ مَا يُرِيدُ
Isin Yaa warra amantan! Waadaa guutaa; beelladoonni isiniif halaala godhamteetti wanti isin irratti dubbifamu qofti odoo hafuu. (Hajjiifi umraa) kan hidhattan taatanii adamsuu halaala haala hin godhatiniin. Rabbiin waan fedhe murteessa.
2 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 002
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُحِلُّواْ شَعَـٰٓئِرَ ٱللَّهِ وَلَا ٱلشَّهۡرَ ٱلۡحَرَامَ وَلَا ٱلۡهَدۡيَ وَلَا ٱلۡقَلَـٰٓئِدَ وَلَآ ءَآمِّينَ ٱلۡبَيۡتَ ٱلۡحَرَامَ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّن رَّبِّهِمۡ وَرِضۡوَٰنٗاۚ وَإِذَا حَلَلۡتُمۡ فَٱصۡطَادُواْۚ وَلَا يَجۡرِمَنَّكُمۡ شَنَـَٔانُ قَوۡمٍ أَن صَدُّوكُمۡ عَنِ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ أَن تَعۡتَدُواْۘ وَتَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡبِرِّ وَٱلتَّقۡوَىٰۖ وَلَا تَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡعُدۡوَٰنِۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii,halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf dhufanis, horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames,fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan adamsadhaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha.
3 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 003
حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةُ وَٱلدَّمُ وَلَحۡمُ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِهِۦ وَٱلۡمُنۡخَنِقَةُ وَٱلۡمَوۡقُوذَةُ وَٱلۡمُتَرَدِّيَةُ وَٱلنَّطِيحَةُ وَمَآ أَكَلَ ٱلسَّبُعُ إِلَّا مَا ذَكَّيۡتُمۡ وَمَا ذُبِحَ عَلَى ٱلنُّصُبِ وَأَن تَسۡتَقۡسِمُواْ بِٱلۡأَزۡلَٰمِۚ ذَٰلِكُمۡ فِسۡقٌۗ ٱلۡيَوۡمَ يَئِسَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن دِينِكُمۡ فَلَا تَخۡشَوۡهُمۡ وَٱخۡشَوۡنِۚ ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗاۚ فَمَنِ ٱضۡطُرَّ فِي مَخۡمَصَةٍ غَيۡرَ مُتَجَانِفٖ لِّإِثۡمٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
4 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 004
يَسۡـَٔلُونَكَ مَاذَآ أُحِلَّ لَهُمۡۖ قُلۡ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُ وَمَا عَلَّمۡتُم مِّنَ ٱلۡجَوَارِحِ مُكَلِّبِينَ تُعَلِّمُونَهُنَّ مِمَّا عَلَّمَكُمُ ٱللَّهُۖ فَكُلُواْ مِمَّآ أَمۡسَكۡنَ عَلَيۡكُمۡ وَٱذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَيۡهِۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ
Maaltu akka isaaniif halaal tahe si gaafatu. "Gaggaariin (hunduu), halaal isiniif tahe, wanti isin leenjiftoota taatanii carraaqxota irraas barsiiftan kan waan Rabbiin isin barsiise irraa barsiiftan,(isiniif hayyamameera). Waan isaan isiniif qaban irraa nyaadhaa. Maqaa Rabbiis isa irratti dubbadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin qormaanni (Isaa) saffisaadha.
5 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 005
ٱلۡيَوۡمَ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُۖ وَطَعَامُ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ حِلّٞ لَّكُمۡ وَطَعَامُكُمۡ حِلّٞ لَّهُمۡۖ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكُمۡ إِذَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ مُحۡصِنِينَ غَيۡرَ مُسَٰفِحِينَ وَلَا مُتَّخِذِيٓ أَخۡدَانٖۗ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ حَبِطَ عَمَلُهُۥ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Har'a gaggaariin hundi isiniif eeyyamameera. Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha. Tikfattoonni dubartoota mu’uminoota irraa ta’aniifi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura kitaaba kennaman irraa ta'anii fuudhoo, kan sagaagala hin dalagneefi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama). Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a
6 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 006
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا قُمۡتُمۡ إِلَى ٱلصَّلَوٰةِ فَٱغۡسِلُواْ وُجُوهَكُمۡ وَأَيۡدِيَكُمۡ إِلَى ٱلۡمَرَافِقِ وَٱمۡسَحُواْ بِرُءُوسِكُمۡ وَأَرۡجُلَكُمۡ إِلَى ٱلۡكَعۡبَيۡنِۚ وَإِن كُنتُمۡ جُنُبٗا فَٱطَّهَّرُواْۚ وَإِن كُنتُم مَّرۡضَىٰٓ أَوۡ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوۡ جَآءَ أَحَدٞ مِّنكُم مِّنَ ٱلۡغَآئِطِ أَوۡ لَٰمَسۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَلَمۡ تَجِدُواْ مَآءٗ فَتَيَمَّمُواْ صَعِيدٗا طَيِّبٗا فَٱمۡسَحُواْ بِوُجُوهِكُمۡ وَأَيۡدِيكُم مِّنۡهُۚ مَا يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيَجۡعَلَ عَلَيۡكُم مِّنۡ حَرَجٖ وَلَٰكِن يُرِيدُ لِيُطَهِّرَكُمۡ وَلِيُتِمَّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha.
7 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 007
وَٱذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَمِيثَٰقَهُ ٱلَّذِي وَاثَقَكُم بِهِۦٓ إِذۡ قُلۡتُمۡ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَاۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Yaadadhaa ni'imaa Rabbii kan isin irra jiru, waadaa Isaa kan yeroo isin "dhageenye; awwaannes" jettan Inni isiniif gales yaadadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin beekaa waan qomoowwan keessaati.
8 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 008
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُواْ قَوَّـٰمِينَ لِلَّهِ شُهَدَآءَ بِٱلۡقِسۡطِۖ وَلَا يَجۡرِمَنَّكُمۡ شَنَـَٔانُ قَوۡمٍ عَلَىٰٓ أَلَّا تَعۡدِلُواْۚ ٱعۡدِلُواْ هُوَ أَقۡرَبُ لِلتَّقۡوَىٰۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Yaa warra amantan! Rabbiif gadi dhaabbataa ta’aa; haqaan ragaa ba’aa ta'aa. Jibbaan ummataa haqa dalaguu dhiisuu irratti isin hin kakaasin. Haqa hojjadhaa; isatu sodaa Rabbiitti irra dhihoodha. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.
9 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 009
وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّـٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٌ عَظِيمٞ
Rabbiin isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira (jechuun) waadaa seeneera.
10 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 010
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآ أُوْلَـٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَحِيمِ
Isaan kafaranii keeyyattoota keenyas sobsiisan, isaan warra ibiddaati.
11 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 011
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ إِذۡ هَمَّ قَوۡمٌ أَن يَبۡسُطُوٓاْ إِلَيۡكُمۡ أَيۡدِيَهُمۡ فَكَفَّ أَيۡدِيَهُمۡ عَنكُمۡۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan isin irratti tahe yaadadhaa, yeroo ‘ummanni harkoowwan isaanii gara keessan diriirsuu yaadanii, (Rabbiin) harkoowwan isaanii isin irraa qabe’ (yaadadhaa). Rabbiin sodaadhaa. Mu’uminoonni Rabbi irratti haa irkatan.
12 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 012
۞وَلَقَدۡ أَخَذَ ٱللَّهُ مِيثَٰقَ بَنِيٓ إِسۡرَـٰٓءِيلَ وَبَعَثۡنَا مِنۡهُمُ ٱثۡنَيۡ عَشَرَ نَقِيبٗاۖ وَقَالَ ٱللَّهُ إِنِّي مَعَكُمۡۖ لَئِنۡ أَقَمۡتُمُ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَيۡتُمُ ٱلزَّكَوٰةَ وَءَامَنتُم بِرُسُلِي وَعَزَّرۡتُمُوهُمۡ وَأَقۡرَضۡتُمُ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗا لَّأُكَفِّرَنَّ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَلَأُدۡخِلَنَّكُمۡ جَنَّـٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۚ فَمَن كَفَرَ بَعۡدَ ذَٰلِكَ مِنكُمۡ فَقَدۡ ضَلَّ سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ
Dhugumatti, Rabbiin waadaa Ilmaan Israa’iil qabee jira. Isaan irraas qondaalota kudha lama kaafnee jirra. Rabbiin "Ani isin waliinin jira, Yoo isin salaata dhaabdanii zakaa kennitanii, ergamoota kiyyatti amantanii, isaan gargaartanii, Rabbiif liqaa bareedaa liqeessitan, dhugumatti Ani hamtuuwwan keessan isin irraa harcaaseeti, Jannata laggeen ishee jala yaatu isin seensisa. Isin irraa namni san booda kafare, inni dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera" jedhe.
13 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 013
فَبِمَا نَقۡضِهِم مِّيثَٰقَهُمۡ لَعَنَّـٰهُمۡ وَجَعَلۡنَا قُلُوبَهُمۡ قَٰسِيَةٗۖ يُحَرِّفُونَ ٱلۡكَلِمَ عَن مَّوَاضِعِهِۦ وَنَسُواْ حَظّٗا مِّمَّا ذُكِّرُواْ بِهِۦۚ وَلَا تَزَالُ تَطَّلِعُ عَلَىٰ خَآئِنَةٖ مِّنۡهُمۡ إِلَّا قَلِيلٗا مِّنۡهُمۡۖ فَٱعۡفُ عَنۡهُمۡ وَٱصۡفَحۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Sababaa isaan waadaa isaanii diiganiif, isaan abaarree, onneewwan isaaniis gogduu taasifne, Iddoowwan isaanii (kan sirrii) irraa jechoota jijjiiru, Waan ittiin gorfaman irraa qooda wahii dagatan. Isaan irraa nama muraasa malee gantuu isaan irraa taate arguurraa hin deemtu. Dhiifama isaaniif godhi; irras dabri. Dhugumatti, Rabbiin tolchitoota jaalata.
14 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 014
وَمِنَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّا نَصَٰرَىٰٓ أَخَذۡنَا مِيثَٰقَهُمۡ فَنَسُواْ حَظّٗا مِّمَّا ذُكِّرُواْ بِهِۦ فَأَغۡرَيۡنَا بَيۡنَهُمُ ٱلۡعَدَاوَةَ وَٱلۡبَغۡضَآءَ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَسَوۡفَ يُنَبِّئُهُمُ ٱللَّهُ بِمَا كَانُواْ يَصۡنَعُونَ
Isaan nuti Kiristaanota jedhan irraallee waadaa isaanii fuunee, waan ittiin gorfaman irraa qooda wahii dagatan. Hanga Guyyaa Qiyaamatti gidduu isaanitti diinummaafi jibbaa buufne. Rabbiin waan isaan dalagaa turan fuula dura isaanitti hima.
15 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 015
يَـٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ قَدۡ جَآءَكُمۡ رَسُولُنَا يُبَيِّنُ لَكُمۡ كَثِيرٗا مِّمَّا كُنتُمۡ تُخۡفُونَ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَيَعۡفُواْ عَن كَثِيرٖۚ قَدۡ جَآءَكُم مِّنَ ٱللَّهِ نُورٞ وَكِتَٰبٞ مُّبِينٞ
Yaa warra kitaabaa!Dhugumatti, Ergamaan keenya isinitti dhufeera, kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru. iftaanifi kitaabni mul'ataan Rabbi irraa isiniif dhufeera.
16 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 016
يَهۡدِي بِهِ ٱللَّهُ مَنِ ٱتَّبَعَ رِضۡوَٰنَهُۥ سُبُلَ ٱلسَّلَٰمِ وَيُخۡرِجُهُم مِّنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ بِإِذۡنِهِۦ وَيَهۡدِيهِمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe isaan (kitabdichaan) karaa nagaa qajeelcha, Dukkanoowwan irraa gara ifaatti eeyyama Isaatiin isaan baasa. Gara karaa sirriitti isaan qajeelcha.
17 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 017
لَّقَدۡ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَۚ قُلۡ فَمَن يَمۡلِكُ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا إِنۡ أَرَادَ أَن يُهۡلِكَ ٱلۡمَسِيحَ ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗاۗ وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۚ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiru. Jedhi: " sila eenyutu Rabbi irraa tiksa? yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe " Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
18 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 018
وَقَالَتِ ٱلۡيَهُودُ وَٱلنَّصَٰرَىٰ نَحۡنُ أَبۡنَـٰٓؤُاْ ٱللَّهِ وَأَحِبَّـٰٓؤُهُۥۚ قُلۡ فَلِمَ يُعَذِّبُكُم بِذُنُوبِكُمۖ بَلۡ أَنتُم بَشَرٞ مِّمَّنۡ خَلَقَۚ يَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُۚ وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۖ وَإِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ
Yahuudonniifi Kiristaanonni "nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalalleewwan Isaati" jedhan. (Ati) jedhi: " maaliif badiilee keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi. (Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adaba. Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Deebiin garuma Isaatti" (jedhi).
19 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 019
يَـٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ قَدۡ جَآءَكُمۡ رَسُولُنَا يُبَيِّنُ لَكُمۡ عَلَىٰ فَتۡرَةٖ مِّنَ ٱلرُّسُلِ أَن تَقُولُواْ مَا جَآءَنَا مِنۢ بَشِيرٖ وَلَا نَذِيرٖۖ فَقَدۡ جَآءَكُم بَشِيرٞ وَنَذِيرٞۗ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Yaa abbootii kitaabaa!ergamaan keenya kan (waan hunda) ifa isiniif taasisu, eega wal irraa citiinsi ergamootaa argamee booda isinitti dhufeera Akka isin gammachiisaafi dinniinaanis nutti hin dhufne hin jenneef, Dhugumatti gammachiisaafi akeekkachiisaan isinitti dhufeera Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
20 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 020
وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ إِذۡ جَعَلَ فِيكُمۡ أَنۢبِيَآءَ وَجَعَلَكُم مُّلُوكٗا وَءَاتَىٰكُم مَّا لَمۡ يُؤۡتِ أَحَدٗا مِّنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "yaa ummata kiyya! Ni’imaa Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa. yeroo nabiyyota isin keessa taasisee, moototas isin godheefi waan aalama irraa namtokkoofillee hin kennin isiniif kennee.
21 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 021
يَٰقَوۡمِ ٱدۡخُلُواْ ٱلۡأَرۡضَ ٱلۡمُقَدَّسَةَ ٱلَّتِي كَتَبَ ٱللَّهُ لَكُمۡ وَلَا تَرۡتَدُّواْ عَلَىٰٓ أَدۡبَارِكُمۡ فَتَنقَلِبُواْ خَٰسِرِينَ
Yaa ummata kiyya! Dachii qulqulleeffamtuu Rabbiin isiniif barreesse (Filisxeeniin) seenaa Dugdoowwan keessan duubatti hin deebi’inaa. (Yoo akkas gootan) hongaa’oo taatanii deebitu."
22 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 022
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِنَّ فِيهَا قَوۡمٗا جَبَّارِينَ وَإِنَّا لَن نَّدۡخُلَهَا حَتَّىٰ يَخۡرُجُواْ مِنۡهَا فَإِن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَا فَإِنَّا دَٰخِلُونَ
Nijedhan "Yaa Muusaa! Dhugumatti, ishee keessa ummata of tuultotatu (gara jabeeyyiitu) jira. Nuti hanga isaan ishee keessaa ba’anitti gara ishee hin seennu. Yoo isaan ishee irraa ba’an, nuti seenoodha".
23 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 023
قَالَ رَجُلَانِ مِنَ ٱلَّذِينَ يَخَافُونَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمَا ٱدۡخُلُواْ عَلَيۡهِمُ ٱلۡبَابَ فَإِذَا دَخَلۡتُمُوهُ فَإِنَّكُمۡ غَٰلِبُونَۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَتَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ
Namoota (Rabbiin) sodaatan, kan Rabbiin ni’imaa Isaatiin isaan qanansiise irraa dhiirotiin lama ni jedhan: "balbala isaan irratti seenaa. Yeroo isa seentan isin injifattoota. Yoo mu’uminoota taataniif Rabbi qofarratti hirkadhaa."
24 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 024
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِنَّا لَن نَّدۡخُلَهَآ أَبَدٗا مَّا دَامُواْ فِيهَا فَٱذۡهَبۡ أَنتَ وَرَبُّكَ فَقَٰتِلَآ إِنَّا هَٰهُنَا قَٰعِدُونَ
Ni jedhan: "Yaa Muusaa! Hanga isaan ishee keessa jiranutti, nuti gonkumaa ishee hin seennu, Atiifi Gooftaan kee deemaa lolaa, nuti as tattaa'oodha".
25 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 025
قَالَ رَبِّ إِنِّي لَآ أَمۡلِكُ إِلَّا نَفۡسِي وَأَخِيۖ فَٱفۡرُقۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡفَٰسِقِينَ
(Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyyaafii obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabu. Nuufi orma finciltootaa gidduu addaan baasi."
26 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 026
قَالَ فَإِنَّهَا مُحَرَّمَةٌ عَلَيۡهِمۡۛ أَرۡبَعِينَ سَنَةٗۛ يَتِيهُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ فَلَا تَأۡسَ عَلَى ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡفَٰسِقِينَ
(Rabbiin) ni jedhe: "isheen (dachittii seenuun) waggoota afurtamaaf isaan irratti haraamfamtuudha; Dachii keessa dhama’u, Ummata finciltoota irratti hin gaddin."
27 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 027
۞وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ ٱبۡنَيۡ ءَادَمَ بِٱلۡحَقِّ إِذۡ قَرَّبَا قُرۡبَانٗا فَتُقُبِّلَ مِنۡ أَحَدِهِمَا وَلَمۡ يُتَقَبَّلۡ مِنَ ٱلۡأٓخَرِ قَالَ لَأَقۡتُلَنَّكَۖ قَالَ إِنَّمَا يَتَقَبَّلُ ٱللَّهُ مِنَ ٱلۡمُتَّقِينَ
Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.
28 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 028
لَئِنۢ بَسَطتَ إِلَيَّ يَدَكَ لِتَقۡتُلَنِي مَآ أَنَا۠ بِبَاسِطٖ يَدِيَ إِلَيۡكَ لِأَقۡتُلَكَۖ إِنِّيٓ أَخَافُ ٱللَّهَ رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Yoo ati na ajjeesuuf harka kee gara kiyyatti diriirsites, ani si ajjeesuuf harka kiyya gara keetti hin diriirsu. Ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha.
29 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 029
إِنِّيٓ أُرِيدُ أَن تَبُوٓأَ بِإِثۡمِي وَإِثۡمِكَ فَتَكُونَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِۚ وَذَٰلِكَ جَزَـٰٓؤُاْ ٱلظَّـٰلِمِينَ
Ani ati badii kiyyaafi badii keetiin deebitee warra ibiddaa irraa ta'uun fedha. Kunis mindaa miidhaa hojjattootaati."
30 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 030
فَطَوَّعَتۡ لَهُۥ نَفۡسُهُۥ قَتۡلَ أَخِيهِ فَقَتَلَهُۥ فَأَصۡبَحَ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Lubbuun isaa obboleessa isaa ajjeesuu isaaf miidhagsite, isa ajjeese. Warra hoonga’an irraas ta’e.
31 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 031
فَبَعَثَ ٱللَّهُ غُرَابٗا يَبۡحَثُ فِي ٱلۡأَرۡضِ لِيُرِيَهُۥ كَيۡفَ يُوَٰرِي سَوۡءَةَ أَخِيهِۚ قَالَ يَٰوَيۡلَتَىٰٓ أَعَجَزۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِثۡلَ هَٰذَا ٱلۡغُرَابِ فَأُوَٰرِيَ سَوۡءَةَ أَخِيۖ فَأَصۡبَحَ مِنَ ٱلنَّـٰدِمِينَ
Rabbiin harraagessa dachii haadhu erge Akkamitti akka reeffa obboleessa isaa dhoksu (awwaalu) isa argisiisuuf. yaa gaabbiitoo! "Sila ani Reeffa obboleessa kiyyaa dhoksuuf akka harraagessa kanaa ta’uun dadhabee?" jedhe. gaabbitoota irraa tahe.
32 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 032
مِنۡ أَجۡلِ ذَٰلِكَ كَتَبۡنَا عَلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَـٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفۡسَۢا بِغَيۡرِ نَفۡسٍ أَوۡ فَسَادٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعٗا وَمَنۡ أَحۡيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحۡيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعٗاۚ وَلَقَدۡ جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُنَا بِٱلۡبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرٗا مِّنۡهُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ فِي ٱلۡأَرۡضِ لَمُسۡرِفُونَ
Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti barreesine "namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin alatti yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachise akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu (murteessine). Dhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirti. Ergasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha.
33 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 033
إِنَّمَا جَزَـٰٓؤُاْ ٱلَّذِينَ يُحَارِبُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَسۡعَوۡنَ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَسَادًا أَن يُقَتَّلُوٓاْ أَوۡ يُصَلَّبُوٓاْ أَوۡ تُقَطَّعَ أَيۡدِيهِمۡ وَأَرۡجُلُهُم مِّنۡ خِلَٰفٍ أَوۡ يُنفَوۡاْ مِنَ ٱلۡأَرۡضِۚ ذَٰلِكَ لَهُمۡ خِزۡيٞ فِي ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Dhugumatti mindaan warra Rabbiifi ergamaa Isaatiin lolanii, dachii keessa balleessaa deemanii, ajjeefamuu yookiin fannifamuu yookiin harkoowwaniifi miilleen isaanii faallaan irraa ciramuu, yookiin biyya irraa ari’amuudha. Kun addunyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif adabbii guddaatu jira.
34 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 034
إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ مِن قَبۡلِ أَن تَقۡدِرُواْ عَلَيۡهِمۡۖ فَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Isaannan odoo isin isaan irratti hin danda'in dura toobatan malee; beekaa Rabbiin araaramaa mararfataadha.
35 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 035
يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَٱبۡتَغُوٓاْ إِلَيۡهِ ٱلۡوَسِيلَةَ وَجَٰهِدُواْ فِي سَبِيلِهِۦ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Waan gara Isaatti dhihaattaniin barbaadaa.karaa Isaa keessattis qabsaa’aa. Akka milkooftaniif jecha.
36 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 036
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ أَنَّ لَهُم مَّا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا وَمِثۡلَهُۥ مَعَهُۥ لِيَفۡتَدُواْ بِهِۦ مِنۡ عَذَابِ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَا تُقُبِّلَ مِنۡهُمۡۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Dhugumatti, isaan kafaran odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaatan isaas isa waliin isaaniif ta’ee isaan adabbii Guyyaa Qiyaamaa irraa of bituu fedhanii isaan irraa hin qeebalamu. Isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira.
37 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 037
يُرِيدُونَ أَن يَخۡرُجُواْ مِنَ ٱلنَّارِ وَمَا هُم بِخَٰرِجِينَ مِنۡهَاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٞ مُّقِيمٞ
Ibidda irraa ba’uu fedhu. Isaan ishee irraa kan ba’anii miti. Isaaniif adabbii itti fufaatu jira.
38 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 038
وَٱلسَّارِقُ وَٱلسَّارِقَةُ فَٱقۡطَعُوٓاْ أَيۡدِيَهُمَا جَزَآءَۢ بِمَا كَسَبَا نَكَٰلٗا مِّنَ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٞ
Hattichaafii hattittii harkoowwan isaan lamaanii muraa galata waan isaan dalaganiif, jiilchaa Rabbi irraa ta'eef jecha. Rabbiin injifataa, ogeessa.
39 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 039
فَمَن تَابَ مِنۢ بَعۡدِ ظُلۡمِهِۦ وَأَصۡلَحَ فَإِنَّ ٱللَّهَ يَتُوبُ عَلَيۡهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ
Namni miidhaa (raawwachuu) isaa booda toobatee tolche, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
40 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 040
أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ يُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ وَيَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُۗ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Sila ati Rabbiin mootummaan samiileefi dachii kan Isaa ta’uu hin beeknee! Nama fedhe ni adaba; nama fedheef ni araarama. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
41 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 041
۞يَـٰٓأَيُّهَا ٱلرَّسُولُ لَا يَحۡزُنكَ ٱلَّذِينَ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡكُفۡرِ مِنَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِأَفۡوَٰهِهِمۡ وَلَمۡ تُؤۡمِن قُلُوبُهُمۡۛ وَمِنَ ٱلَّذِينَ هَادُواْۛ سَمَّـٰعُونَ لِلۡكَذِبِ سَمَّـٰعُونَ لِقَوۡمٍ ءَاخَرِينَ لَمۡ يَأۡتُوكَۖ يُحَرِّفُونَ ٱلۡكَلِمَ مِنۢ بَعۡدِ مَوَاضِعِهِۦۖ يَقُولُونَ إِنۡ أُوتِيتُمۡ هَٰذَا فَخُذُوهُ وَإِن لَّمۡ تُؤۡتَوۡهُ فَٱحۡذَرُواْۚ وَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ فِتۡنَتَهُۥ فَلَن تَمۡلِكَ لَهُۥ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔاۚ أُوْلَـٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَمۡ يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يُطَهِّرَ قُلُوبَهُمۡۚ لَهُمۡ فِي ٱلدُّنۡيَا خِزۡيٞۖ وَلَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٞ
Ati Yaa ergamichaa!warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisin Isaan afaanoowwan isaaniitiin amanne jedhanii onneewwan isaanii hin amanin irraa, Isaan yahuudoman irraas, kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiru. Jechoota bakka isaa irraa jijjiiru. "Yoo kana kennamtan isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhu. Nama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftu. Sunniin warra Rabbiin onneewwan isaanii qulqulleessuu hin fedhini. Addunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.
42 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 042
سَمَّـٰعُونَ لِلۡكَذِبِ أَكَّـٰلُونَ لِلسُّحۡتِۚ فَإِن جَآءُوكَ فَٱحۡكُم بَيۡنَهُمۡ أَوۡ أَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡۖ وَإِن تُعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ فَلَن يَضُرُّوكَ شَيۡـٔٗاۖ وَإِنۡ حَكَمۡتَ فَٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِٱلۡقِسۡطِۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُقۡسِطِينَ
Kijiba akkaan dhaggeeffattoota, haraama akkaan nyaatoodha. Yoo isaan sitti dhufan, gidduu isaaniitti murteessi; yookiin isaan irraa gara gali. Yoo ati isaan irraa gara galte homaa si hin miidhanu. Yoo murteessite haqaan gidduu isaaniitti murteessi. Rabbiin warra haqaan murteessan jaalata.
43 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 043
وَكَيۡفَ يُحَكِّمُونَكَ وَعِندَهُمُ ٱلتَّوۡرَىٰةُ فِيهَا حُكۡمُ ٱللَّهِ ثُمَّ يَتَوَلَّوۡنَ مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَۚ وَمَآ أُوْلَـٰٓئِكَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Sila akkamitti si murteessisiifatu odoo Tawraat kan murteen Rabbii ishee keessa jiru isaan bira jirtuu? Ergasii san booda gara galu. Jarri sun mu’uminootaa miti.
44 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 044
إِنَّآ أَنزَلۡنَا ٱلتَّوۡرَىٰةَ فِيهَا هُدٗى وَنُورٞۚ يَحۡكُمُ بِهَا ٱلنَّبِيُّونَ ٱلَّذِينَ أَسۡلَمُواْ لِلَّذِينَ هَادُواْ وَٱلرَّبَّـٰنِيُّونَ وَٱلۡأَحۡبَارُ بِمَا ٱسۡتُحۡفِظُواْ مِن كِتَٰبِ ٱللَّهِ وَكَانُواْ عَلَيۡهِ شُهَدَآءَۚ فَلَا تَخۡشَوُاْ ٱلنَّاسَ وَٱخۡشَوۡنِ وَلَا تَشۡتَرُواْ بِـَٔايَٰتِي ثَمَنٗا قَلِيلٗاۚ وَمَن لَّمۡ يَحۡكُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأُوْلَـٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Dhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu. Qeesonniifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniniifi ishee irratti ragaa ta'aniin (murteessu). Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaa. Keeyyattoota kiyya gatii xiqqaan hin gurguratinaa. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota.
45 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 045
وَكَتَبۡنَا عَلَيۡهِمۡ فِيهَآ أَنَّ ٱلنَّفۡسَ بِٱلنَّفۡسِ وَٱلۡعَيۡنَ بِٱلۡعَيۡنِ وَٱلۡأَنفَ بِٱلۡأَنفِ وَٱلۡأُذُنَ بِٱلۡأُذُنِ وَٱلسِّنَّ بِٱلسِّنِّ وَٱلۡجُرُوحَ قِصَاصٞۚ فَمَن تَصَدَّقَ بِهِۦ فَهُوَ كَفَّارَةٞ لَّهُۥۚ وَمَن لَّمۡ يَحۡكُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأُوْلَـٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّـٰلِمُونَ
Isaanirratti barreessine Ishee keessatti "Lubbuun lubbuudhaan, ijji ijaan, funyaan funyaaniin, gurri gurraan, ilkaan ilkaaniin, madaan gumaadha" (jechuun isaan irratti barreessinee) jirra. Namni isa sadaqate (gumaa dhiise) inni isaaf (badii) harcaasaadha. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun miidhaa raawwattoota.
46 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 046
وَقَفَّيۡنَا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم بِعِيسَى ٱبۡنِ مَرۡيَمَ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلتَّوۡرَىٰةِۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡإِنجِيلَ فِيهِ هُدٗى وَنُورٞ وَمُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلتَّوۡرَىٰةِ وَهُدٗى وَمَوۡعِظَةٗ لِّلۡمُتَّقِينَ
Faana isaanii irratti Iisaa ilma Maryam hordofsiifne, haala waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee dhuga'oomsaa taheetiin. Injiiliin isaaf kennine, kan isa keessa qajeelfamniifi ifti jiru, dhugoomsaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee. qajeelfamaafi gorsa (Rabbi) sodaattotaaf
47 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 047
وَلۡيَحۡكُمۡ أَهۡلُ ٱلۡإِنجِيلِ بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فِيهِۚ وَمَن لَّمۡ يَحۡكُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأُوْلَـٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun finciltoota
48 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 048
وَأَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَمُهَيۡمِنًا عَلَيۡهِۖ فَٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُۖ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡ عَمَّا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡحَقِّۚ لِكُلّٖ جَعَلۡنَا مِنكُمۡ شِرۡعَةٗ وَمِنۡهَاجٗاۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن لِّيَبۡلُوَكُمۡ فِي مَآ ءَاتَىٰكُمۡۖ فَٱسۡتَبِقُواْ ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ
Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qormaatuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima.
49 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 049
وَأَنِ ٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡ وَٱحۡذَرۡهُمۡ أَن يَفۡتِنُوكَ عَنۢ بَعۡضِ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ إِلَيۡكَۖ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَٱعۡلَمۡ أَنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُصِيبَهُم بِبَعۡضِ ذُنُوبِهِمۡۗ وَإِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلنَّاسِ لَفَٰسِقُونَ
Ammas "gidduu isaaniitti waan Rabbiin buuseen murteessi. Fedhii lubbuu isaanii hin hordofin. Garii waan Rabbiin gara keetti buusee irraas akka si hin deebifne isaan eeggadhu. " (jechuudhaan buufne). Yoo isaan (sirraa) gara galan, Rabbiin garii badii isaaniitiin isaan tuquu (adabuu) barbaada jechuu beeki. Dhugumatti, hedduun namoota irraa ta'e finciltoota.
50 - Al-Ma'idah (The Table Spread) - 050