HadeethEnc · 1.25.0
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokkoo hanga muddii shaniitiin dhiqu yookaan dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokkoo hanga muddii shaniitiin dhiqu yookaan dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture.
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokko irraa hanga muddii shaniitiin janaabaa irraa dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture. saa'iin tokko, muddii afur ta'a, muddiin tokko: guutuu ganaa lameenii kan nama uumamni isa giddu galeessa ta'eeti.
03
Benefits
Bishaan wuduu'aatii fi dhiqannaa keessatti qusannaa fi qisaasessuu dhabuun karaa godhamuu isaa, argachuun isaa laafaa yoo ta'ellee .
Bishaan wuduu'aatii fi dhiqannaa keessatti hanga haajaatiin xiqqeessuun jaallatamaa ta'uu isaa, kun karaa nabiyyiiti, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
Kan itti fedhame dhiqannaa fi wuduu'a keessatti sunnaa fi namuusa isaa eeguu woliin qisaasessuu fi sassatuun maletti woliin ga'uudha, yeroo, hedduummatina bishaaniitii fi xinneenya isaa akkasuma kan biroo eeguu woliin.
Janaabaan hunda nama bishaan sanyii gannaqe yookaan wolqunnamtii saalaa raawwateetu ittiin waamama, hanga isa irraa qulqullaa'utti namni janaabome salaataa fi ibaadaa irraa waan fagaatuuf akkas jedhamee waamame.
Saa'iin: hanga safaraa beekamaadha, kan itti fedhame saa'ii nabiyyiiti, ulfaatinni isaa qamadii bareedaa irraa misqaala (480) ta'a, litriidhaan(litrii 3) ta'a.
Muddiin: mala safara shari'aa irraati, inni ganaa lameen nama giddu galeessa ta'ee diriirsee yeroo guute, muddiin tokko woliigaltee fuquhaa'aatiin tokko afraffaa saa'iiti, hangi isaa miili litra (750).

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options
3Views0Cards0Shares