HadeethEnc · 1.25.0
Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, ni jedhe: Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».
02
Explanation
Namichi tokko Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: nuti qurxummii qabuuf ykn daldalaa fi kan kana fakkaataniif galaana irratti doonii yaabbanna, bishaan dhugaatii xiqqoo of biratti qabannee deemna, yoo wuduu'aa fi dhiqannaaf bishaan dhugaatii fayyadamne ni dhumata waan dhugnu hin argannu. Bishaan galaanaatiin wuduu’a gochuun nuuf ni hayyamamaa?
Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, waa'ee bishaan galaanaa akkas jedhan: Bishaan isaa qulqulluu fi qulqulleessaadha; Wuduu’a godhachuu fi ittiin dhiqachuun ni danda’ama, waan galaana keessaa bahu kan akka qurxummii fi kkf, osoo hin qabamin du’aan isaa gubbaa bishaanitti ol bahee yoo argamellee nyaachuun ni danda’ama.

03
Benefits
Du'aan bineensa galaanaa halaala, du'aa isatti wanni fedhame: bineensota bishaan galaanaa keessatti du'an kan bishaan keessa malee jiraachuu hin dandeenyeedha.
Faayidaan gaafii sanaa akka guutamuuf jecha, waan gaafataan gaafate caalaa deebsisuudha.
Bishaan yoo mi’aan, halluun ykn fooliin isaa waan qulqulluun yoo jijjiirame, osoo soogiddummaan, ho’i , qorri isaa fi kkf jabaatellee hanga bishaan qulqulluu ta’etti qulqulluuma ta’ee hafa.
Bishaan galaanaa xuriiwwan gurguddoo fi xixiqqoos ni deemsisa, najisa akka tasaa qaama, ykn uffata ykn kkf irratti argame ni balleessa.

Attribution
[رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares