Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, Gabrichi koo sunnaa hojjachuun natti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hangan isa jaalladhutti. yoon isa jaaladhe immoo, dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan inni ittiin qabatuu fi miila isaa kan inni ittiin deemun isaaf ta'a, (qaama isaa hamturraa isa tiiysa jechuudha) yoo na kadhate isaafin kenna, yoo natti maganfates isan tiksa».
Explanation
Benefits
Awliyaa/jaalalleewwan Rabbii azaa gochuu irraa dhoorguudha, akkasumas isaan jaallachuu irratti kakaasuu fi sadarkaa isaanii isaanif beekun barbaachisaa akka ta'eedha.
Diinota Rabbii diina godhachuutti ajajuu fi isaanin jaalallee ta'uu haraama taasisuudha.
Namni shari'aa Isaa osoo hin hordofin jaalallee Rabbii ta'uu(waliyyummaa) himatu inni himannaa isaa keessatti sobaadha.
Jaalalti Rabbii(waliyyummaan) kan argamtu dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisuudhaan.
Jaalalli Rabbii akka gabrichaaf argamuu fi du'aa'iin isaaf akka qeebalamu wantoota sababaa ta'an keessaa inni tokko eega dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisanii sunnaalee raawwachuudha.
Kabaja awliyoota Rabbii fi sadarkaa ol’aanaa isaanii kan agarsiisuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

