Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessu keessatti Rabbiin akkas jedhe: «Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira, namni toltuu takka (hojjachuu) yaadee osoo isii hin hojjatin hafe, Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee eegasii isii hojjate immoo; toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti, hanga dachaawwan hedduu godhee of biratti isa barreessa. yoo badii tokko (hojjachuu) yaadee osoo isa hin hojjatin tawbatee dhiise immoo, Rabbiin of biratti toltuu guutuu isaa kataba. yoo isitti yaadee ka'ee hojjate immoo; Rabbiin badii tokko godhee of biratti isii kataba».
Explanation
Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a.
Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkootu isa irratti barreeffama.
Benefits
Hojii keessatti barbaachisumma niyyaatii fi bu'aa isii ibsuudha.
Kenna Rabbii ol tahee, mararfannaa Isaatii fi tola Isaa irraa namni toltuu tokko yaadee ka'ee isii osoo hin hojjatin hafee Rabbiin toltuutti isaaf isa barreessa.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

