Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuunan kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu: Inni Salaata dirqamaa fi kan biroo hunda keessatti Allaahu akbar kan jedhu ture, Ramadaanaa fi yeroo biraatis, yeroo dhaabbatu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo jilba qabatus Allaahu Akbar jedha, ergasii Sami'allaahu Liman Hamidah jedha, jechuunis Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe jechuudha, Ergasii osoo sujuuda hin godhin akkana jedha: Rabbanaa waLakal Hamd, Jechuunis: Yaa Rabbii keenya ammas faaruun sima qofaafi jechuudha, Ergasii yeroo sujuudaf bu'u akkana jedha: Allaahu Akbar, Ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allahu Akbar jedha, Ergasii yeroo sujuudu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo taa'insa raka'aa lamaa irraa ol ka'e Allaahu Akbar jedha, Hanga salaata xumurutti raka’aa hunda keessatti kana ni godha. Ergasii yeroo salaata xumuree irraa garagale akkana jedha ture: Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuunan kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti.
Explanation
Ergasii Abuu Hureyraan yeroo salaata xumuru akkana jedha: Isaa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhe, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, hanga addunyaa tana dhiisanii deemanitti kun akkaataa salaata isaanii ture.
Benefits
Sahaabaan Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuu fi sunnaa isaanii eeguu keessatti bolola guddaa akka qabaniidha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

